عَنْ سَهْلِ بْنِ مُعَاذِ بْنِ أَنَسٍ عَنْ أَبِيهِ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَنْ أَكَلَ طَعَامًا فَقَالَ: الحَمْدُ لِلَّهِ الَّذِي أَطْعَمَنِي هَذَا وَرَزَقَنِيهِ مِنْ غَيْرِ حَوْلٍ مِنِّي وَلاَ قُوَّةٍ، غُفِرَ لَهُ مَا تَقَدَّمَ مِنْ ذَنْبِهِ».
[حسن] - [رواه أبو داود والترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن الترمذي: 3458]
المزيــد ...
Sahal ibnu Mu'aaz ibnu anas akka abbaa isaa irraa odeessetti ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni nyaata nyaatee ka'ee: Al-hamdulillaahillazii ax'amanii haaza wo razaqaniihi min gayri hwlin minnii wolaa quwwah, jedhe badiin isaa inni dabarse isaaf dhiifameera» jechuunis: faruun kan Rabbii malaa fi humna kootiin maletti kana na nyaachisee na razzaqeeti, jechuudha.
[hasani] - [abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 3458]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni nyaata nyaate akka Rabbiin faarfatutti kakaasani, nyaata fidachuufis ta'ee isa nyaachuufis gargaarsa Rabbii ol ta'eetiin yoo ta'e malee anaaf humni hin jiru jedhee. Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama sana jedhe dhiifama Rabbiin badii isaa xixiqqoo darbeef isaaf godhuun gammachiisani.