+ -

عَنِ الحُسَينِ بنِ عَلِيٍّ بنِ أَبِي طَالِبٍ رضي الله عنهما قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الْبَخِيلُ مَنْ ذُكِرْتُ عِنْدَهُ فَلَمْ يُصَلِّ عَلَيَّ».

[صحيح] - [رواه الترمذي والنسائي في الكبرى وأحمد ] - [السنن الكبرى للنسائي: 8046]
المزيــد ...

Huseen bin Aliyyi bin Abii Xaalib irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namni don'i nama ani isa biratti dubbatamee salawaata narratti hin buusini».

[sirrii] - - [sunana kunraa nasaa'ii - 8046]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- bakka maqaan, ykn kuniyaan, ykn sifti isaanii dubbatamuun dhaga'ametti salawaata irratti buusuu dhabuu irraa akeekkachiisanii, akkana jedhan: Don'i hamaan nama ani isa biratti dubbatamee salawaata na irratti hin buusini; sun wantoota baay'efi.
Tokkoffaa: Inni waan sababa isaatiin waan xiqqoos ta'e baay’ee hin dhabnee fi qarshii fi carraaqqii wahiituu irraa hin barbaannen don'oomuudha.
Lammaffaa: Inni lubbuu ofitti don'oomee mindaa silaa salawaata Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmatni irratti haa jiraatu- buusuun argatu of dhoorge; Sababni isaas inni salawaata isaan irratti buusuu irraa diduun don'oomee, dirqama silaa ajaja fudhatee raawwatee mindaa itti argatu raawwachuu waan dideef jecha.
Sadaffaa: Isaan irratti salawaata buusuun haqa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- tokko tokko guutuu of keessaa qaba, Inni (Nabiyyiin sallallaahu aleyhi wasallam) isa nu barsiise, isa nu qajeelche, isa gara Rabbii ol ta'etti nu waame, isa wahyii fi seera shari'aa Islaamaa kanaan nuuf dhufe, kanaaf isaan -Eega Rabbii ol ta'eetii- sababaa qajeeluu keenyaati, Namni isaan irratti salawaata hin buufne dhugumatti lubbuu ofitti don'oome, akkasumas haqoota isaanii keessaa haqa gadi aanaa diduun dhugumatti Nabiyyii irrattis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- don'oomeera.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyii irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- salawaata buusuu diduun mataa don'ummaati.
  2. Nabiyyiif irratti nagaa fi ramata kadhachuun yeroo hundumaa hojii gaarummaa fi Rabbiif ajajamuu keessaa isa tokko yoo ta’u, yeroo maqaan isaa dhahamu daran mirkanaaya
  3. Al-Nawawiin akkana jedhe: Nabiyyii irratti nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu nagaa buusu, salaataa fi salaama walitti qabachuu qaba, tokko qofa irratti of hin daangessu, (nageenyi isarratti haa jiraatu) qofa jechuu hin qabu, akkasumas: (nageenyi/ rahmanni isarratti haa jiraatu) qofa jechuu hin qabu.
  4. Abuu Al-Aliyah jecha aayaa kana keessatti akkana jedhe: (Dhugumatti Rabbii fi Malaaykonni Isaa Nabiyyii irratti rahmata ni buusu) Akkas jedhe: Rabbiin rahmata buusuun Nabiyyii faarsu dha: salaata buusuun malaa'ikootaa fi ilama namaa ammoo du'aayii gochuu dha.
  5. Al-Halimiin akkana jedhe: Hiikni “Yaa Rabbii Muhaammad irratti nagaa/rahmata buusi” jedhu: Yaa Rabbi yaadannoo isaa ol kaasuun, amantii isaa ifa gochuun, seera isaa dachii kana irratti hanbisuun addunyaa kana irratti isa guddisi. aakiratti ammoo ummata isaaf jaarsummaa dhaabbachuun, mindaa isaa baay’isuun, sadarkaa isaa warra duraa fi boodaaf eddoo faarfamaa ta'etti mul'isuun, warra Rabbitti dhiheenya qaban kan biroo irra akka durfaman faa of keessaa qaba.