+ -

عن عَبْدِ اللهِ بْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم يَقُولُ:
«‌مَنْ ‌جَاءَ ‌مِنْكُمُ ‌الْجُمُعَةَ فَلْيَغْتَسِلْ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 894]
المزيــد ...

Abdullaah bin Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi Rahmatni irra haa jiraatu- kan akkas jedhuun dhaga’e:
«‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 894]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama salaata jum'aa dhufuu barbaadeef dhiqannaa akka dhiqannaa janaabaa dhiqatuun isaaf jaalatamaa ta'uu irratti gadi jabeessan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhiqannaa Jum’aa jabeessuu, innis mu’uminaaf guyyaa Jum’aa akka sunnaa ta'ee fi dhiqannaan sunis yeroo salaatatti deemuf ka'e caalaa akka ta'eedha.
  2. Qulqullinaa fi urgaan gaariin adabaa fi naamusa Muslimaa keessaa tokko yoo ta’u, innis kan jabeeffamu yeroo namootaan walitti dhufanii fi isaan waliin taa’an keessatti, keessattuu salaata jum'aa fi jamaa'aa keessatti akkaan jabeeffamuu qaba.
  3. Haasaan Hadiisa kana keessatti ibsame nama salaatni Jum’aa dirqama irratti ta’eefi; sababni isaas isaatu ishee dhufa waan ta'eef jecha.
  4. Nama salaata Jum'aa dhufuuf qulqullaa’aa ta'uun isaa ni jaalatamaadha, kanaaf hanga hafuurri qaama isaa keessaa bahutti dhiqachuu fi urgooftuu dibachuun barbaachisaa dha, Yoo wuduu’a qofa godhate sun isaaf gahaadha.