+ -

عن أبي هريرة قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«حَقٌّ عَلَى كُلِّ مُسْلِمٍ أَنْ يَغْتَسِلَ فِي كُلِّ سَبْعَةِ أَيَّامٍ يَوْمًا، يَغْسِلُ فِيهِ رَأْسَهُ وَجَسَدَهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 897]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan.
“Muslimni hundinuu torbaanitti guyyaa tokko dhiqachuuf dirqama qaba, yeroo sanatti mataa fi qaama isaa dhiqata”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 897]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka himanitti: Muslima ga’eessa sammuu qabu hunda irratti torbaanitti guyyaa tokko dhiqachuun haqa jabeeffamaadha, guyyaa kana keessatti mataa fi qaama isaa ni dhiqata, qulqullina barbaaduuf jecha, irra caalaan guyyoota kanaa guyyaa jum'aati, akkuma hadiisa tokko tokko irraa hubatamutti. Guyyaa jum'aa salaata duratti dhiqachuun akkaan jaalatamaadha, fakkeenyaf osoo guyyaa khamisaa dhiqatellee, dhiqatinsi guyyaa jum'aa waajiba ta'uu irraa wanni dhoorgu jecha Aa'ishaati -Rabbiin irraa haa jaalatu-: "Namoonni hojii adda addaa hojjachuun khaadima lubbuu ofii turan, yeroo gara jum'aa deeman akkuma jiranitti kan deeman ta'an, kanaaf akkana isaanin jedhame: osoo dhiqattanii", Bukhaaritu gabaase. Gabaasa biraa kan isaa keessatti: "isaanif fooleetu ture", foolee dafqaati fi waan biroo, sanuma wajjiin akkana isaanin jedhame: "Osoo dhiqattanii", kan isaanin akkana jedhame nama birotti daran jabeeffama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Islaamummaan qulqullinaaf eddoo guddaa akka kenneedha.
  2. Guyyaa Jimaataa Salaataf dhiqachuun salaataaf akkaan jaalatamaa akka ta'eedha.
  3. Osoo qaama keessa galee jiruu mataa addatti dubbachuun itti yaaddahuuf akka ta'eedha.
  4. Nama hafuurri hin tolle kan namoonni itti miidhamu qabu irratti dhiqannaan dirqama ta'uudha.
  5. Dhiqannaaf irra jabaan guyyaa Guyyaa Jimaataati; sababni isaas sadarkaa waan qabuuf jecha.