+ -

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المؤمنين رضي الله عنها قَالَتْ:
كَانَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ إِذَا اغْتَسَلَ مِنَ الجَنَابَةِ، غَسَلَ يَدَيْهِ، وَتَوَضَّأَ وُضُوءَهُ لِلصَّلاَةِ، ثُمَّ اغْتَسَلَ، ثُمَّ يُخَلِّلُ بِيَدِهِ شَعَرَهُ، حَتَّى إِذَا ظَنَّ أَنَّهُ قَدْ أَرْوَى بَشَرَتَهُ، أَفَاضَ عَلَيْهِ المَاءَ ثَلاَثَ مَرَّاتٍ، ثُمَّ غَسَلَ سَائِرَ جَسَدِهِ، وَقَالَتْ: كُنْتُ أَغْتَسِلُ أَنَا وَرَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مِنْ إِنَاءٍ وَاحِدٍ، نَغْرِفُ مِنْهُ جَمِيعًا.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 272]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- akkas jette:
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa yeroo dhiqachuu barbaadan, harka isaanii lameen dhiqatanii wuduu'a isaanii kan yeroo salaatuuf jedhan godhatan kan godhatan ta'an, eegasii ni dhiqatu, eegasii harka isaanii rifeensa isaanii keessa galchanii kan dhiqatan ta'an, yeroo qaama isaa bishaan quubsuu yaadanitti bishaan yeroo sadii mataa gubbaa ofitti naqanii, eegasii qaama isaanii hunda dhiqatu. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa hammaarranna.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 272]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- janaabaa irraa dhiqachuu yeroo barbaadu harka isaanii lameen dhiqachuun jalqaban ture, Eegasii akkuma nama salaataf wuduu’a godhatutti wuduu'a godhatan, eegasii bishaan qaama isaanii irratti naqanii, eegasii harka isaanii lameen rifeensa mataa isaanii keessa o'oofan, yeroo bishaan hundee rifeenatti gahee, qaama obaase jechuu yaadanitti bishaan mataa gubbaa yeroo sadii ofitti naqan, eegasii qaama isaanii isa hafe dhiqan. Aa'ishaan akkana jette: anaa fi Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- meeshaa tokko irraa kan dhiqannu taane, nuti hundinuu isuma irraa bishaan hammaarranna.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Janaabaa irraa dhiqachuun gosa lama: isaanis gartokkee fi guutuu jedhama, Dhiqannaan gartokkeen namichi xaaharaa niyyatee, eegasii lulluuqannaa fi bishaan funyaan keessa ol galchee baasuun waliin bishaan qaama isaa waliin gayuudha, Dhiqannaan guutuun immoo akka Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa kana keessatti dhiqatan kanatti dhiqachuudha.
  2. Hunda nama bishaan sanyii isaa dhangalaase, ykn walqunnamtii saalaa raawwate, osoo bishaan irraa bu'uu baatellee janaabaan irratti ni dhugooma.
  3. Abbaan manaa fi haati manaa qaama saalaa walii ilaaluu ni danda'uudha, akkasumas meeshaa tokko irraa waliin dhiqachuu ni danda'uudha.