+ -

عن قيس بن عاصم رضي الله عنه قال:
أتيتُ النبيَّ صلى الله عليه وسلم أُريدُ الإسلامَ، فأَمَرَني أن أغتَسِلَ بماءٍ وسِدرٍ.

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي] - [سنن أبي داود: 355]
المزيــد ...

Qeys Bin Aasim irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu ni jedhe:
Muslima ta’uu barbaadeen gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, bishaanii fi baala sidriitin akkan dhiqadhu na ajajan.

[sirrii] - [abuu daawud odeesse - tirmizii odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 355]

Ibsaa

Muslima ta’uu barbaadee Qeys bin Aasim gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufee, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bishaanii fi muka sidriitin akka dhiqatu isa ajajan; sababni isaas baalli isaa qulqulleessuuf waan ooluu fi urgaa gaarii waan qabuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nama kaafiraa kan amma Islaamummaa seenuf dhiqachuun karaa ta'uudha.
  2. Islaamummaan qaamaa fi ruuhii ilma namaatif akka kabajaa fi eddoo kenneedha.
  3. Bishaan wantoota qulqulluu wajjin walitti makuun qulqulluu ta’uu irraa hin baasuudha.
  4. Wantoonni qulqullina ittiin eeggatan ammayyaa kan akka saamunaa fi kan kana fakkaatan muka sidrii bakka bu'uu akka danda'aniidha.