+ -

عَنْ ‌أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إِذَا وَجَدَ أَحَدُكُمْ فِي بَطْنِهِ شَيْئًا، فَأَشْكَلَ عَلَيْهِ أَخَرَجَ مِنْهُ شَيْءٌ أَمْ لَا، فَلَا يَخْرُجَنَّ مِنَ الْمَسْجِدِ حَتَّى يَسْمَعَ صَوْتًا، أَوْ يَجِدَ رِيحًا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 362]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan.
“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 362]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akka ibsanitti wanti namni osoo salaatatti jiruu garaa isaa keessatti bahe moo hin baane jedhee burjaaja'u, hanga waan wuduu'a isaa san balleessu sagalee dhagahuun ykn hafuura fuunfachuun mirkaneeffatutti Salaata dhiisee wuduu’a irra deebi’uuf addaan kutuu hin qabu; sababni isaas waan mirkanaa'e tokko shakkiin waan isa hin balleessineef jecha. Namichi salaatatti jiru wuduu'a akka qabu dhugumatti mirkaneeffateera, wanni wuduu'a balleessa jedhamee yaadamu ammoo shakkiidha qaba.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kun bu’uura Islaamaa fi seera barumsa fiqhii keessaa tokko yoo ta’u, innis: Mirkanummaan shakkiidhaan hin buqqa’uu fi wanni tokko hanga wanti isa faallessu mirkanaa'utti wahuma duraan irra jiru irratti hafaadha.
  2. Shakkiin qulqullummaa/wuduu'a irratti dhiibbaa hin geessisuu fi namni salaatu waan mirkanaa’e yoo ta’e malee qulqullummaa isaa irratti akka hafuudha.