+ -

عن أبي سعيد الخدري رضي الله عنه أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«لَا ضَرَرَ وَلَا ضِرَارَ، مَنْ ضَارَّ ضَرَّهُ اللَّهُ، وَمَنْ شَاقَّ شَقَّ اللَّهُ عَلَيْهِ».

[صحيح بشواهده] - [رواه الدارقطني] - [سنن الدارقطني: 3079]
المزيــد ...

Abuu Sa'iid Al-kudriyyii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Of miidhuus ta'ee nama biraa miidhuunis hin ta'u, nama nama miidhe Rabbiin isa miidha, namni jabeesse Rabbiin isatti jabeessa".

[sirrii] - [ibnumaajah odeesse - ahmad odeesse] - [sunana daaraaquxnii - 3079]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- miidhaa gosa isaa kamiinuu fi bifa isaa kamiinuu lubbuu ofii fi worra biroo irraa deebisuun dirqama ta'uu ifa galchan, kanaafuu nama tokkoof haala wal qixa ta'een lubbuu ofii rakkisuun yookaan nama biraa rakkisuun hin eeyyamamuuf.
Miidhaa miidhaan deebisuun isaaf hin eeyyamamu; miidhaan miidhaadhaan waan hin deebifamneef jecha, yoo karaa gumaatiin ta'e qofa innis daangaa darbuun maletti.
Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sodaachisa nama nama miidhu miidhaan akka isa qaqqabu, akkasuma nama namatti jabeessu akka itti jabaatu ifa galchan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hanga miidhaman caalaatti kaffalachuu irraa dhoorguudha.
  2. Rabbiin gabroota isaa waan isaan miidhutti hin ajajne.
  3. Jechaan yookaan hojiidhaan yookaan dhiisuudhan beekaa miidhuus ta'ee wollaalaan miidhuun haraama ta'uudha.
  4. Mindaan fakkaataa hojiiti, naama miidhe Rabbiin isa miidha, nama jabeesse Rabbiin isatti jabeessa.
  5. Bu'uura shari'aa keessaa: "miidhaan ni deemsifama", sharii'aan miidhaa hin raggaasiftu, miidhuus ni mormiti.