+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه:
أَنَّ رَجُلًا قَالَ لِلنَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: أَوْصِنِي، قَالَ: «لَا تَغْضَبْ» فَرَدَّدَ مِرَارًا قَالَ: «لَا تَغْضَبْ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 6116]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-:
Namtichi tokko Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- na gorsi jedheen: (Nabiyyiinis): "Hin dallanin" jedhaniin, gurbichi irra deddeebi'ee gaafannaan, isaanis deebi'anii akkana jedhaniin: "Hin dallanin".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 6116]

Ibsaa

Sahaabaan tokko -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara waan isa fayyadu tokkootti akka isa qajeelchan nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa barbaadee jennaan, isaanis dallanuu dhabuutti isa ajajani, akkas jechuun sababoowwan gara dallaansuutti isa geessan irraa fagaachuu jechuudha, akkasumas yeroo dallansuun isa mudatetti lubbuu isaa to'achuudha, ajjeechaadhaan yookaan rukuttaadhaan yookaan arrabsuu fi waan sana fakkaatan raawwachuun dallansuu isaa keessatti hafuu hin qabu.
gurbichi dhaamsa barbaaduu yeroo hedduu irra deddeebi'e, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- "Hin dallanin" jechuu malee hoomaa isaaf hin daballe.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dallansuu fi sababoowwan isaa irraa baqachiisuudha, isatu walitti qaba hamtuuti, isa irraa eeggachuun walitti qaba toltuuti.
  2. Yeroo dhoorgaan Rabbii cabsame Rabbiif jecha dallanuun dallansuu faarfamaa irraayi.
  3. Yeroo barbaachisaa ta'etti haasaa irra deddeebi'uu hanga namni dhaggeeffatu hubatee barbaachisummaa isaa barutti.
  4. Sadarkaa beekaa irraa dhaamsa barbaaduun qabuudha,