Galmee Hadisotaa

Namni akka wuduu’a kiyyaa kana godhatee eegasii osoo ofitti hin dubbatin raka’aa lama salaate Rabbiin dilii isaa irraa kan dabre isaaf ni araarama
عربي Ingiliffaa Orduu
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti
عربي Ingiliffaa Orduu
Qulqullummaan wolakkaa iimaanaati, Al-hamdulillaahiin (faaruun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo miizaana guutti, Subhaanallaah fi Wal hamdulillaahiin (Rabbiin qulqullaa'e jchuu fi faarun hundi kan Rabbiiti jechuun) immoo ni guutani -yokaan ni guuutti- gidduu samiiwwanii fi dachii
عربي Ingiliffaa Orduu
Koomeewwaniif ibidda irraa adabbiin mirkanaa'e, wuduu'a guutaa godhaa
عربي Orduu Indoneziyaffaa
Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu
عربي Ingiliffaa Orduu
wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta
عربي Ingiliffaa Orduu
Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo lama lama wuduu’a godhatan
عربي Ingiliffaa Orduu
“Tokkoon keessan yeroo garaa isaa keessatti waan tokko shakke wanti sun irraa ba’uu fi dhiisuu isaa mirkaneeffachuu yoo baate, hanga sagalee dhaga’u ykn hafuura wahii fuunfatutti akka masjiidaa hin baane
عربي Ingiliffaa Orduu