+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«يَعْقِدُ الشَّيْطَانُ عَلَى قَافِيَةِ رَأْسِ أَحَدِكُمْ إِذَا هُوَ نَامَ ثَلاَثَ عُقَدٍ يَضْرِبُ كُلَّ عُقْدَةٍ عَلَيْكَ لَيْلٌ طَوِيلٌ، فَارْقُدْ، فَإِنِ اسْتَيْقَظَ فَذَكَرَ اللَّهَ، انْحَلَّتْ عُقْدَةٌ، فَإِنْ تَوَضَّأَ انْحَلَّتْ عُقْدَةٌ، فَإِنْ صَلَّى انْحَلَّتْ عُقْدَةٌ، فَأَصْبَحَ نَشِيطًا طَيِّبَ النَّفْسِ، وَإِلَّا أَصْبَحَ خَبِيثَ النَّفْسِ كَسْلاَنَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1142]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
«Sheyxaanni osoo inni rafu booda mataa isaa irratti hidhata sadii hidha. Halkan dheera qabdaa rafi jechuun hidhaa hunda irratti rukuta. Yoo inni dammaqee Rabbiin zakkare hidhaan tokko ni hiikama. Yoo wuduu’a raawwate hidhaan biraa ni hiikama. Yoo salaate hidhaan tokko ni hiikama, nama gaarii mirqaana qabu ta'ee isaaf bari'a, akkas ta’uu baannaan nama hamaa dadhabaa ta'ee isaaf bari'a».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1142]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- haala sheyxaanaa fi qabsoo inni nama salaata halkaniitif ykn subhiif ka'uu barbaadu waliin godhu himan.
Mu’uminni tokko yeroo rafuuf deeme Sheyxaanni mataa isaa irratti hidhata sadii ni hidha-jechuunis: booddee mataa isaa irratti jechuudha-.
Yeroo mu'uminni dammaqee Rabbii ol ta'e zakkaree waswaasa shexaanatiif owwaachuu dhabe; Hidhaan tokko ni hiikama.
Yoo wuduu’a raawwate hidhaan inni biraa ni hiikama.
yoo ka'ee salaate hidhaan sadaffaa irraa hiikamee, nama gaarii mirqaana qabu ta'ee isaaf bari'a; sababni isaas Rabbiin kheyrif isa waffaquu fi mindaa fi araarama irraa waan Rabbiin isaaf waadaa galetti gammaduu isaatif jecha, kunis hidhaalee sheyxaanaa fi duubatti hanbisiinsa isaa irraa waan isa irraa deemeen waliini. Akkas ta’uu baannaan nama hamaa yaadda'aa qalbii, hojiilee kheyrii irraa ceem'aa ta'ee isaaf bari'a; Sababni isaas hidhaa sheyxaanaatin hidhamaa fi Rabbitti dhihaachuu irraa fageeffamaa waan ta'eef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sheyxaanni yeroo hundaa Rabbii ol ta'eef akka hin ajajamne dhoorguuf daandii ilma namaa keessa yeroo hunda deema, Gargaarsa Rabbii guddaa irraa barbaadaa, sababoowwan isa irraa itti tikfaman qabachuun malee gabrichaaf karaan Sheyxaana jalaa ittiin bahu hin jiru.
  2. Rabbii ol ta'e zakkaruu fi Isa gabbaruun mirqaana fi bal'ina qomaa namaaf fida, akkasumas dadhabbii fi ceem'aa ari’a, dhiphinaa fi jibbaa ni dhabamsiisa; sababni isaas waan inni sheyxaana ari'uuf jecha, wantoonni kunneen immoo waswaasa sheyxaanaa irraayi.
  3. Mu'uminni Rabbiin ol ta'e ibaadaa isaatif isa waffaquutti ni gammadee, sadarkaalee guddinaa fi guutumminaa keessatti dadhabuu isaatif ni dhiphata.
  4. Rabbiif ajajamuu irraa ceem'uun hojii fi bareechuu sheyxaanaa irraayi.
  5. Wantoonni sadan kunneen -Rabbiin zakkaruu, wuduu’a gochuu fi salaatni- Sheyxaana akka ari'aniidha.
  6. Hidhaan kun sheyxaana irraa kan ta'u addatti booddee mataa irrattiidha; sababni isaas bakki kun giddu gala ciminaa fi dirree gochaa waan ta'eef jecha. Yeroo bakka tanatti hidhe lubbuu nama tokkoo to'achuu fi rafisuun isaaf tola.
  7. Ibnu Hajar al-asqalaaniin akkana jedhe: Jecha isaa keessatti Halkan dubbatuun: "Halkan dheera qabda” wanni isa irraa namaaf mul'atu sun hirriiba halkanii qofa keessatti kan argamu ta'uudha.
  8. Ibnu Hajar al-Asqalaaniin akkana jedhe: Zikrii kana malee kan biroo bakka isaa hin bu'u wanni jidhu hin jiru, kanaaf wanti zikrii Rabbiitiin mirkanaa’e hundi kana jala seenuu danda'a. qiraatiin Qur’aanaa, Hadiisaa dubbisuu fi ilmii shari'aa barachuun isa keessa ni gala, irra caalaan waan asitti dubbatamuu jecha Nabiyyiiti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-: Namni halkan dammaqee akkana jedhe: (Rabbii tokkicha hiriyyaa hin qabne malee wanni biraa kan haqaan gabbaramu hin jiru, mootummaa fi faaruun isa qofaafi, inni waan hunda irratti danda'aadha, faaruun kan Rabbii qofa, Rabbiin qulqullaa'e, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Rabbiin waan hunda irra guddaadha, Rabbiin malee humnis mallis hin jiru. Ergasii akkana kan jedhe: Yaa Rabbi naaf araarami, yookaan Rabbiin kadhate kadhannaan isaa ni awwaatama, yoo wuduu’a godhate salaanni isaa ni qeebalama) Bukhaaritu gabaase.