+ -

عَنْ جَابِرٍ رضي الله عنه قال: أَخْبَرَنِي عُمَرُ بْنُ الْخَطَّابِ:
أَنَّ رَجُلًا تَوَضَّأَ فَتَرَكَ مَوْضِعَ ظُفُرٍ عَلَى قَدَمِهِ فَأَبْصَرَهُ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ: «ارْجِعْ فَأَحْسِنْ وُضُوءَكَ» فَرَجَعَ، ثُمَّ صَلَّى.

[صحيح بشواهده] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 243]
المزيــد ...

Jaabiir irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe: Umar bin Al-Khaxxaab waan armaan gadii kana naaf odeesse:
Namichi tokko wuduu’a raawwatee bakka hanga kottee geessu wahii miila isaa irratti dhiise, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, isa arganii akkana jedhaniin: “Deebi’ii wuduu’a kee akka gaariitti raawwadhu” namichis deebi’ee wuduu'a godhatee, eegasii salaate.

[ragaalee isaatiin sahiiha] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 243]

Ibsaa

Umar, Rabbiin irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namicha tokko kan wuduu’a isaa xumuree, waan hanga kottee qubaa kan bishaan wuduu'aa isa bira hin gayin miila isaa irratti dhiisee akka argan gabaase, Eegasii bakka dagannoon itti mul’atutti akeekun akkana isaan jedhani: Deebi’ii wuduu’a kee bareechii guutii humna hundaafuu bishaan irraa haqa isaa kenniifii godhadhu. ​ Namichis deebi’ee wuduu’a isaa guuttatee, eegasii salaate.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Daddafanii gaaritti ajajuu fi wallaalaa fi dagataaf qajeelfama kennuun dirqama ta'uudha, Keessattuu wanni badaa sun ibaadaan namichaa baduuf sababaa kan ta'u yoo ta'e.
  2. Kutaalee wuduu’aa bishaaniin waliin ga'uun dirqama ta'uu fi namni humnoolee wuduu'aa keessaa humna tokko dhiise -osoo waa xiqqollee ta'ee- wuduu'in saniin waliin isaaf sirrii hin ta'uudha, wuduu'a guututti deebisee godhachuudha qaba, yeroon walakkaa sana jiru yoo dheeraa ta'e.
  3. Wuduu’a bareechanii raawwachuun karaa ta'uudha, innis akka shari'aan itti ajajetti isa guutanii bakkaan gayanii godhachuuni.
  4. Miilli lamaan kutaalee wuduu’aa keessaa tokko waan ta’eef, irra haxaa’uun gahaa miti, dhiqamuudha qaba.
  5. Humna tokko osoo kan isa duraa hin gogin dhiquun Kutaalee wuduu’aa walduraa duubaan dhiquun barbaachisaa ta'uudha.
  6. Wallaalummaa fi dagachuun dili namarraa kuffisan malee dirqama namarra jiru hin kuffisaniidha, Namicha wallaalummaa isaatif jecha wuduu'a isaa guutee hin gadhatin kanarraa Nabiyyiin -nagaa fi rahmnni isaan irratti haa jirtu- dirqama wuduu'aa kan isarra jiru hin kaffisne, deeb'ee akka sirreeffatu isa ajajan malee.