1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا تَوَضَّأَ أَحَدُكُمْ فَلْيَجْعَلْ فِي أَنْفِهِ ثُمَّ لِيَنْثُرْ، وَمَنِ اسْتَجْمَرَ فَلْيُوتِرْ، وَإِذَا اسْتَيْقَظَ أَحَدُكُمْ مِنْ نَوْمِهِ فَلْيَغْسِلْ يَدَهُ قَبْلَ أَنْ يُدْخِلَهَا فِي وَضُوئِهِ، فَإِنَّ أَحَدَكُمْ لاَ يَدْرِي أَيْنَ بَاتَتْ يَدُهُ». ولفظ مسلم: «إِذَا اسْتَيْقَظَ أَحَدُكُمْ مِنْ نَوْمِهِ فَلَا يَغْمِسْ يَدَهُ فِي الْإِنَاءِ حَتَّى يَغْسِلَهَا ثَلَاثًا، فَإِنَّهُ لَا يَدْرِي أَيْنَ بَاتَتْ يَدُهُ».

ِAbuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
"Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 162

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii seera qulqullummaa ibsan, sana irraa: Tokkoffaan: Namni wuduu’a godhatu afuura isaatiin bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii ammas afuura isaatiin baasuudha qabaadha. Lammaffaan: Namni bishaanin osoo hin taane waan akka dhagaa fi waan dhagaa fakkaatun najisa isa irraa bahe ofirraa qulqulleessuu barbaade waan sana watrii godhuu qaba, irra gadi aantin isaa sadii, irra ol aanan isaa immoo waan najisni bahe sun isaan citee iddoon qulqullaa'uniidha. Sadaffaan: Namni hirriiba halkanii irraa ka’e, hanga harka isaa yeroo sadii hanga dhiqutti wuduu'a godhachuuf meeshaa bishaanii keessa harka isaa galchuu hin qabuudha, sababni isaas inni harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha, kanaafuu najisummaa irratti amanuu hin danda'u, sheyxaannis itti taphatee wantoota ilma namaa miidhan ykn bishaan sana balleessan itti fidu danda'a.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Istinshaaqni wuduu'a keessatti dirqama ta'uudha, innis: afuuran bishaan funyaan keessa ol galchuudha, akkasumas Istinsaarri dirqama ta'uudha, innis afuuran bishaan funyaan irraa baasuudha.
  2. Dhagaan ykn waan isa fakkaatuun yeroo najisa ofirraa qulqulleesan isa witrii gochuun sunnaa ta'uudha.
  3. Booda hirriiba halkaniitii harka lameen yeroo sadii dhiquun karaa ta'uudha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية