tarreewwan damee

Galmee Hadisotaa

Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu
عربي Ingiliffaa Orduu
Yeroo eddoo fincaanii dhuftan Qiblatti fuulaan gara hin galinaa, duubanis gara itti hin galinaa, garuu gara bahatti ykn gara dhihaatti gara galaa
عربي Ingiliffaa Orduu
Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin
عربي Ingiliffaa Orduu
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha
عربي Ingiliffaa Orduu