+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«لَا يَقْبَلُ اللهُ صَلَاةَ أَحَدِكُمْ إِذَا أَحْدَثَ حَتَّى يَتَوَضَّأَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6954]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Rabbiin salaata tokkoo keessanii hin qeebalu, yeroo inni wuduu’a cabse hanga wadda'atuutti".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6954]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaalee salaanni itti fayyaa taatuun keessaa xaaharaan (wuduu'a godhachuun/dhiqachuun) akka tokko ta'e ibsan, kanaafuu nama salaatuu barbaadu kan wanti wuduu’a balleessu irraa argame; kan akka sagaraa, yookaan fincaanii, yokaan hirriibaa, yokaan kan fakkaatan isa irratti wadda'achuun dirqama.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaanni nama wuduu’a balleessee hanga xurii guddaa irraa dhiqachuun, xurii xiqqaa irraa immoo wuduu’a godhachuun hanga xaaharatuutti/qulqulleeffatuutti akka hin qeebalamneedha.
  2. Wuduu’a jechuun bishaan fudhatee afaan keessa naannessee baafachuun, eegasii afuura isaatiin bishaan sana gara keessoo funyaan isaatti ol harkisee baasuudha, eegasii fuula isaa si’a sadii dhiqachuudha, eegasii harka isaa lameen yeroo sadii ciqilee lameenin waliin dhiqachuudha, eegasii mataa isaa guutuu al tokko qofa haxaa’ee harka lameen gurra lameen irra baasuudha, eegasii miila isaa lameen koomee lameenin waliin yeroo sadii dhiqachuudha.