عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا اسْتَيْقَظَ أَحَدُكُمْ مِنْ مَنَامِهِ فَلْيَسْتَنْثِرْ ثَلَاثَ مَرَّاتٍ، فَإِنَّ الشَّيْطَانَ يَبِيتُ عَلَى خَيَاشِيمِهِ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 238]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Tokkoon keessan yeroo hirriiba isaa irraa ka'e, sheexaanni funyaan isaa keessa waan buluuf, funyaan isaa yeroo sadii bishaan itti ol fudhatee gadi haa deeffatu».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 238]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni hirriiba isaa irraa ka'e yeroo sadii "Istinsaara" akka godhu jajjabeessan. "Istinsaara" jechuun bishaan funyaanitti ol fudhatee gadi deebisuu dha, sababni isaas sheyxaanni funyaan isaa guutuu keessa waan buluufi.