+ -

عَنِ ‌ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما قَالَ:
تَوَضَّأَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مَرَّةً مَرَّةً.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 157]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu akkana jedhe:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yeroo tokko tokko wuduu’a godhatan.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 157]

Ibsaa

Yeroo tokko tokko Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wuduu’a yeroo godhatan qaama wuduu’aa hunda yeroo tokko tokko kan dhiqatan ta'an, fuula ni dhiqatan -isuma irraayi lulluuqachuu fi bishaan funyaan keessa ol galchanii gadi deebisuun- akkasumas harka lamaani fi miila lamaan yeroo tokko tokko ni dhiqatan, isa kanaatu wuduu'a irraa hanga dirqama ta’eedha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qaamolee wuduu'aa dhiqachuu keessatti dirqamni yeroo tokko qofa, wanni kana irratti dabalame jaalatamaadha.
  2. Yeroo garii wuduu’a yeroo tokko tokko godhachuun akka danda'amuudha.
  3. Mataa haxaa'uun yeroo tokko qofa hayyamama.