عن عَمْرُو بْنُ عَامِرٍ عَنْ ‌أَنَس بن مالك قَالَ:
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَتَوَضَّأُ عِنْدَ كُلِّ صَلَاةٍ، قُلْتُ: كَيْفَ كُنْتُمْ تَصْنَعُونَ؟ قَالَ: يُجْزِئُ أَحَدَنَا الْوُضُوءُ مَا لَمْ يُحْدِثْ.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 214]
المزيــد ...

Amrii bin Aamir Anas bin Maalik irraa odeessee Anas akkana jedhe:
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 214]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata waajibaa hundaaf wuduu’a godhachaa turan, wuduu'in isaanii osoo badullee baatee; sababni isaas mindaa fi tola argachuudhaaf jecha.
Wuduu’a tokkoon salaata waajibaa tokkoo ol salaatuun ni danda'ama, hanga wuduu’a isaa hin diignetti.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Irra baay'een hojii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata hundaaf wuduu’a godhachuudha; sababni isaas irra guutuu barbaaduf jecha.
  2. Salaata hundaaf wuduu’a godhachuun jaalatama ta'uudha.
  3. Wuduu’a tokkoon salaata tokkoo ol raawwachuun akka danda’amuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (58)