+ -

عن عَمْرُو بْنُ عَامِرٍ عَنْ ‌أَنَس بن مالك قَالَ:
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَتَوَضَّأُ عِنْدَ كُلِّ صَلَاةٍ، قُلْتُ: كَيْفَ كُنْتُمْ تَصْنَعُونَ؟ قَالَ: يُجْزِئُ أَحَدَنَا الْوُضُوءُ مَا لَمْ يُحْدِثْ.

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 214]
المزيــد ...

Amrii bin Aamir Anas bin Maalik irraa odeessee Anas akkana jedhe:
Nabiyyiin -nagaa fi rahamatni irra haa jiraatu- salaata hunda irratti wuduu’a godhachaa turan, nan jedheen: Isin hoo akkam godhaa turtan? ni jedhe: Hanga wuduu'a hin balleesinetti tokkoo keenyaaf wuduu'uma tokkootu gaha.

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 214]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata waajibaa hundaaf wuduu’a godhachaa turan, wuduu'in isaanii osoo badullee baatee; sababni isaas mindaa fi tola argachuudhaaf jecha.
Wuduu’a tokkoon salaata waajibaa tokkoo ol salaatuun ni danda'ama, hanga wuduu’a isaa hin diignetti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Irra baay'een hojii Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- salaata hundaaf wuduu’a godhachuudha; sababni isaas irra guutuu barbaaduf jecha.
  2. Salaata hundaaf wuduu’a godhachuun jaalatama ta'uudha.
  3. Wuduu’a tokkoon salaata tokkoo ol raawwachuun akka danda’amuudha.