+ -

عن عبدِ الله بن عمرو رضي الله عنهما قال:
كنتُ أكتبُ كلَّ شيءٍ أسمعُه من رسولِ الله صلَّى الله عليه وسلم أُريدُ حفْظَه، فنهتْني قريشٌ، وقالوا: أتكْتبُ كلَّ شيءٍ تَسمَعُه من رسول الله صلَّى الله عليه وسلم، ورسولُ الله صلَّى الله عليه وسلم بَشَرٌ يتكلَّمُ في الغضَبِ والرِّضا؟ فأمسَكتُ عن الكتاب، فذكرتُ ذلك لرسول الله صلَّى الله عليه وسلم، فأومأ بإصبَعِه إلى فيه، فقال: «اكتُبْ، فوالذي نفسي بيدِه، ما يَخرُجُ منه إلا حقٌّ».

[صحيح] - [رواه أبو داود] - [سنن أبي داود: 3646]
المزيــد ...

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu akkana jedhe:
Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhagahu kanin isa sammutti qabachuu barbaade hunda barreessaa ture yoon ta'u, Qureeyshiin na dhoorgitee, akkas naan jedhan: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhageessu hunda barreessitaa, bar Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaati, haala aarii qabuu fi gammachuu qabu keessatti ni dubbata? isaan akkana naan jennaanin barreessuu irraa of qusadhee, sana Ergamaa Rabbiitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hime, isaanis quba isaanitin gara afaan isaanitti akeekanii, akkana naan jedhan: "Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa jirtutti kakadhee, waan dhugaa ta'e malee irraa hin bahu".

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 3646]

Ibsaa

Abdullaah bin Amrii, Rabbiin irraa haa jaalatu, akkana jedhe: Waan Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irraa dhagahe hunda, barreeffamaan qomatti qabachuuf jecha barreessaa ture, garuu namoonni Qureyshii irraa ta'an wahii na dhoorganii, akkas naan jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ilma namaati, haala gammachuu qabuu fi aarii qabu keessatti ni dubbata yoo ta'u, dogongoru danda'a, kanaaf ani barreessuu dhiise.
Waan isaan jedhan Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-hime, isaanis quba isaanitiin afaan isaanitti akeekanii akkana jedhan: Barreessi, Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhe, haaluma hundaa fi jaalalaa fi aarii keessatti haqa malee irraa hin bahu.
Rabbiin ol ta'e waa'ee Nabiyyii Isaa -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo dubbatu akkana jedha: {Inni fedha lubbuu irraa hin dubbatu * inni (wanni inni dubbatu) wahyii buufamu qofa} [Annajm: 3-4].

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- waan Rabbii isaanii irraa dabarsan keessatti yeroo jaalalaa fi aarii keessattis dogonggora irraa tikfamoodha.
  2. Sahaabaan Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, sunnaa qomatti qabachuu fi dabarsuu keessatti fedhii guddaa akka qabaniidha.
  3. Osoo kakachiisuun malettillee ta'ee waa tolchuu fi waa jabeessuuf jecha kakachuun akka danda'amuudha.
  4. Beekumsa barreeffamaan qabachuun irra barbaachisaa sababoota beekumsa tiksanii akka ta'eedha.