+ -

عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ رضي الله عنه قَالَ: كَانَتْ عَلَيْنَا رِعَايَةُ الْإِبِلِ فَجَاءَتْ نَوْبَتِي فَرَوَّحْتُهَا بِعَشِيٍّ فَأَدْرَكْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَائِمًا يُحَدِّثُ النَّاسَ فَأَدْرَكْتُ مِنْ قَوْلِهِ:
«مَا مِنْ مُسْلِمٍ يَتَوَضَّأُ فَيُحْسِنُ وُضُوءَهُ، ثُمَّ يَقُومُ فَيُصَلِّي رَكْعَتَيْنِ، مُقْبِلٌ عَلَيْهِمَا بِقَلْبِهِ وَوَجْهِهِ، إِلَّا وَجَبَتْ لَهُ الْجَنَّةُ» قَالَ فَقُلْتُ: مَا أَجْوَدَ هَذِهِ، فَإِذَا قَائِلٌ بَيْنَ يَدَيَّ يَقُولُ: الَّتِي قَبْلَهَا أَجْوَدُ، فَنَظَرْتُ فَإِذَا عُمَرُ قَالَ: إِنِّي قَدْ رَأَيْتُكَ جِئْتَ آنِفًا، قَالَ: «مَا مِنْكُمْ مِنْ أَحَدٍ يَتَوَضَّأُ فَيُبْلِغُ - أَوْ فَيُسْبِغُ - الْوَضُوءَ ثُمَّ يَقُولُ: أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُ اللهِ وَرَسُولُهُ إِلَّا فُتِحَتْ لَهُ أَبْوَابُ الْجَنَّةِ الثَّمَانِيَةُ يَدْخُلُ مِنْ أَيِّهَا شَاءَ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 234]
المزيــد ...

Uqbaa ibnu Aamir irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: dabareen gaala tiksuutu nu gidduutti ture, dabareen koo dhufnaan galgala gara mooraa isiitti yeroon deebisee, ergamaa Rabbiitii dhaabbatanii namoota haasofsiisanii isaan qaqqabe, jecha isaanii irraa akkana jechuun qaqqabe:
«Muslimni kamuu haala wuduu'a isaa bareeffateen wuduu'a godhatee, eegasii dhaabbatee haala qalbii isaatii fi fuula isaatiin itti deebi'een rakaa lama salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin haftu» uqbaanis: maalumatu isii kana bareechen jedhe, jedhe, yeruma kana dubbataan wohii ana fuulduratti akkas jedhe: tan isii duraatu irra bareedduudha, eegasii yeroon ilaalu umaris: ani amma reefuu dhufuu kee si argeen jira jechuun akkas jedhe: «tokkon keessan haala isa guuteen yookaan geessiseen wuduu'a godhatee, eegasii, Ashhadu Anlaa ilaaha illallaah wa Anna Muhammadan Abdullaahi wa Rasuuluuhuu jedheera taanaan balballi jannataa saddeettan isaaf banamtee isii keessaa karaa fedheen seenu malee hin hafu».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 234]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa gurguddoo lama namootatti dubbatanii ibsaniif:
Inni jalqabaa: namni wuduu'a geessisee, guuttatee akka karaa godhametti, qaama hundaa haqa isaa guutuun wuduu'a godhatee, eegasii immoo Ashhadu An laa ilaaha illallaah, wa anna Muhammadan Abdullaahi Wa rasuuluhuu jedhe; balballi jannataa saddeettan isaaf banamee isii keessaa balbala fedheen seenu malee hin hafu.
Inni lammaffaan: namni wuduu'a guutuu godhatee, eegasii booda wuduu'a kanaatii rakaa lama haala qalbii isaatiin ikhlaasaa fi khushuu'aan itti gara galeen, fuula isaatii fi qaama isaa hundaan Rabbiif gadi of qabee salaannaan jannanni isaaf dirqama taatu malee hin hafu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hojii xinnoo irratti mindaa guddaa kennuun guddina tola Rabbii ol ta'ee mul'isa.
  2. Wuduu'a geessisuu fi guutuun karaa godhamuu fi isa booda salaata rakaa lama khushuu'iidhaan salaatuu fi mindaan guddaan akka sanaan argamuudha.
  3. Wuduu'a geessisuun, isa boodaan zikrii kana jechuun, sababaa ittiin jannata seenan irraati.
  4. Zikrii kana jechuun nama dhiqatuufis jaallatamaa ta'uu isaa.
  5. Bolola sahaabaan beekumsa barachuu, isa facaasuu fi isaa fi dhimmoota jireenya isaanii irratti wol gargaaruu keessatti qabaniidha.
  6. Akkuma wuduu'a keessa qaama xurii irraa qulqulleessuun jiru, zikrii booda wuduu'aatii godhamu keessa immoo qalbii shirkii irraa qulqulleessuun jira.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani