عَنْ أَنَسٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا تَوَضَّأَ أَحَدُكُمْ وَلَبِسَ خُفَّيْهِ فَلْيُصَلِّ فِيهِمَا، وَلْيَمْسَحْ عَلَيْهِمَا ثُمَّ لَا يَخْلَعْهُمَا إِنْ شَاءَ إِلَّا مِنْ جَنَابَةٍ».
[صحيح] - [رواه الدارقطني] - [سنن الدارقطني: 781]
المزيــد ...
Anas irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Isin keessaa namni tokko wuduu'a isaa yoo raawwatee kophee isaa lamaan godhate, itti haa salaatu, isaan irratti haa haxaa’u, eegasii yoo barbaade janaabaaf malee ofirraa hin baasu».
[sirrii] - [daaraquxniin odeesse] - [sunana daaraaquxnii - 781]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni muslimaa tokko erga wuduu’a godhatee booda kuffii isaa lamaan uffatee, sana booda wuduu'a balleessee wuduu’a gochuu barbaade, yoo barbaade isaan lamaan irra haxaa’ee, yeroo murtaa'eef kan isaan lamaan hin baafane isaan lamaan keessatti salaatuu akka danda'u ibsan, yoo janaabaaf ta'e malee yeroo sana kuffii baafatee dhiqachuun irratti dirqama.