عن عائشة رضي الله عنها قالت:
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَذْكُرُ اللهَ عَلَى كُلِّ أَحْيَانِهِ.

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 373]
المزيــد ...

Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Nabiyyiin Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala isaanii hunda irratti Rabbiin zaakkaru ture.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 373]

Ibsaa

Aa'ishaan haati mu'umintootaa -Rabbi isii irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- zikrii Rabbii ol ta'ee irratti akkaan bololaa akka turan himti, yeroo, bakkaa fi haala hunda keessatti Rabbiin zaakkaru turani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Najaasaa xiqqaa fi guddaa irraa qulqullaa'uun zikrii Rabbii ol ta'eetiif ulaagaa hin godhamu.
  2. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo hunda zikrii Rabbii ol ta'ee irra jiraachuu isaanii.
  3. Nabiyyiitti hidhachuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala hunda keessatti zikrii Rabbii ol ta'ee heddummeessuutti kakaasuutu keessa jira, haalowwan isaan keessatti zikrii irraa dhoorgamu keessatti yoo tae malee, akka mana fincaanii seenuun dhimma ba'achuufaa.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)
dabaltii