عَنْ أَبِي ذَرٍّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّهُ سَمِعَ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«لاَ يَرْمِي رَجُلٌ رَجُلًا بِالفُسُوقِ، وَلاَ يَرْمِيهِ بِالكُفْرِ، إِلَّا ارْتَدَّتْ عَلَيْهِ، إِنْ لَمْ يَكُنْ صَاحِبُهُ كَذَلِكَ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6045]
المزيــد ...
Abuu Zarri irraa akka odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, inni Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhu dhagahe:
«Namni tokko nama biraa faasiqa (kan Rabbiin dide) jedhee yoo darbate(arrabse), akkasumas kufriin yoo isa darbate, wanni sun irratti deebi'u malee hin hafu, yoo namichi inni arrabse sun akkas tahe malee».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6045]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni tokko nama biraatiin: Ati faasiqa ykn ati kaafira jechuu akeekkachiisanii, akka inni jedhe yoo ta’uu baate inni waan jedhe san akka haqa godhatuu fi jechi isaas isuma irratti akka deebi'au, akka inni jedhe yoo tahe ammoo, jechi isaa sun dhugaa dubbate waan ta'eef isa irratti akka hin deebine himan.