عَنْ جَابِرٍ رضي الله عنه قَالَ: سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«إِنَّ الشَّيْطَانَ قَدْ أَيِسَ أَنْ يَعْبُدَهُ الْمُصَلُّونَ فِي جَزِيرَةِ الْعَرَبِ، وَلَكِنْ فِي التَّحْرِيشِ بَيْنَهُمْ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2812]
المزيــد ...
Jaabiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana kan jedhuun dhagahe:
«Sheyxaanni jaziiraa Arabaa keessatti namoonni salaatan isa gabbaruu irraa dhugumatti abdii kutateera, garuu isaan giddutti badii argamsiisuu keessatti abdii hin kutanne».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2812]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- mu’mintoonni isa gabbaruu fi biyya arabaa keessatti taabotaaf sujuudutti deebi'uu irraa ibliisa akka abdii kutate himan, Garuu wal dhabdeen, jibbaan, lola gargaraatiin, qorumsa adda addaatii fi kan kana fakkaataniin gidduu isaanitti rakkina uumuu irraa akka abdii hin kutatinii fi kan godhuuf boqonnaa tokko malee akka irratti hojjataa jiruus himaniiru.