+ -

عَنْ يحيى بنِ عُمَارةَ المَازِنِيِّ قَالَ:
شَهِدْتُ عَمْرَو بْنَ أَبِي حَسَنٍ سَأَلَ عَبْدَ اللَّهِ بْنَ زَيْدٍ، عَنْ وُضُوءِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَدَعَا بِتَوْرٍ مِنْ مَاءٍ، فَتَوَضَّأَ لَهُمْ وُضُوءَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَأَكْفَأَ عَلَى يَدِهِ مِنَ التَّوْرِ، فَغَسَلَ يَدَيْهِ ثَلاَثًا، ثُمَّ أَدْخَلَ يَدَهُ فِي التَّوْرِ، فَمَضْمَضَ وَاسْتَنْشَقَ وَاسْتَنْثَرَ، ثَلاَثَ غَرَفَاتٍ، ثُمَّ أَدْخَلَ يَدَهُ فَغَسَلَ وَجْهَهُ ثَلاَثًا، ثُمَّ غَسَلَ يَدَيْهِ مَرَّتَيْنِ إِلَى المِرْفَقَيْنِ، ثُمَّ أَدْخَلَ يَدَهُ فَمَسَحَ رَأْسَهُ، فَأَقْبَلَ بِهِمَا وَأَدْبَرَ مَرَّةً وَاحِدَةً، ثُمَّ غَسَلَ رِجْلَيْهِ إِلَى الكَعْبَيْنِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 186]
المزيــد ...

Yahyaa bin umaaraa al-maaziniyyii irraa odeeffamee akkana jedhe:
Amrii bin Abii Hasanitti nan dhufe haala inni wuduu’a Nabiyyii irraa -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Abdullaah bin Zeydii gaafatuun, dabbaa bishaanii tokko waammateeti, wuduu'a akka Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- godhatee isaan agarsiise, dabbaa sana irraa bishaan harka isaa irratti dhangalaasee, harka isaa lameen yeroo sadii dhiqe, eegasii harka isaa dabbicha keessa galchee, bishaan hammaarrii sadii hammaarrachuun afaan lulluuqqatee funyaan keessa bishaan ol galchee baase, eegasii bishaan fudhachuun fuula isaa yeroo sadii dhiqate, eegasii harka isaa lameen ciqileen waliin yeroo lama dhiqate, eegasii bishaan fudhachuun mataa isaa harka isaa lameenin qabee gara fuul duraa irraa gara duubatti oofee eegasii gara fuul duratti as deebisuun yeroo tokko qofa haxaa'e, eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 186]

Ibsaa

Abdullaah bin Zeyd -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkaataa wuduu'a Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- bifa hojiitiin ibse, Meeshaa xiqqaa wahii kan bishaan irraa ta'e ni gaafate, Jalqaba irratti harka lameen dhiqachuudhaan eegale, achiis meeshicha sana dabsee bishaan irraa fudhachuun harka lameen yeroo sadii meeshaa sanaan alatti dhiqate. Eegasii harka isaa meeshicha keessa galchee, hammaarrii sadii hammaarrachuun, hammaarii hunda keessatti bishaan afaani fi funyaanitti ol fudhatee gadi deebisa. Eegasii meeshicha irraa hammaarratee fuula isaa yeroo sadii dhiqate, Eegasii bishaan fudhatee harka isaa lameen ciqilee waliin yeroo lama dhiqate, Eegasii harka isaa lameen meeshicha keessa galchee, harka isaa lameenin mataa isaa gara fuul duraa irraa eegalee hanga duuba isaa gayutti oofee eegasii eddoo irraa eegaletti deebisuun haxaa'e, Eegasii miila isaa lameen koomee waliin dhiqate.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barsiisaan karaa hubatiinsa fi beekumsa nama qabsiisuu keessatti irra dhihoo ta'e fayyadamuudha, sana irraa hojiin barsiisuudha.
  2. Garii humnoolee wuduu’aa keessatti yeroo sadii irra deebi'uun, garii isii keessatti immoo yeroo lama irra deebi'uun ni danda'amaadha, dirqamni yeroo tokko qofa gochuudha.
  3. Akkuma Hadiisicha keessatti dhufetti gidduu humnoolee wuduu'aa keessatti tartiiba eeggachuun dirqama ta'uudha.
  4. Daangaan fuulaa eddoo rifeensi mataa kan barame itti margu irraa kaasee dheerinatti areeda fi gara jalaatiin eddoo rifeensi areedaa itti margu irraa waan gadi bu'e hanga gayutti, labbatti immoo garra irraa hanga gurratti.