عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنِ اغْتَسَلَ يَوْمَ الجُمُعَةِ غُسْلَ الجَنَابَةِ ثُمَّ رَاحَ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَدَنَةً، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الثَّانِيَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَقَرَةً، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الثَّالِثَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ كَبْشًا أَقْرَنَ، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الرَّابِعَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ دَجَاجَةً، وَمَنْ رَاحَ فِي السَّاعَةِ الخَامِسَةِ، فَكَأَنَّمَا قَرَّبَ بَيْضَةً، فَإِذَا خَرَجَ الإِمَامُ حَضَرَتِ المَلاَئِكَةُ يَسْتَمِعُونَ الذِّكْرَ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 881]
المزيــد ...
Abuu Hrayraa irraa odeeffame -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti, namni sa'aatii lamatti deeme, akka waan sa'a saddaqateeti, namni sa'aati sadi'itti deeme akka waan hoolaa gaafa qabdu saddaqateeti, namni sa'aati afuritti deeme, akka waan lukkuu sadaqateeti, namni sa'aatii shanitti deeme, akka waan killee saddaqateeti, imaamni (khuxbaaf) yeroo ba'etti malaaykaan zikrii(khuxbaa) dhaggeeffachuuf jecha argamu».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 881]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa ganameeffatanii salaata jumu'aa deemuun qabu himani, ganameeffachuun aduun ba'uu irraa eegalee hanga imaamni dhufutti itti fufa; inni sa'aatii shan ta'a, aduun ba'uu irraa hanga imaamni seenee khuxbaaf minbara irra ba'uutti sa'aatiileen gidduu kana jiran akkaataa yerootiin bakka shanitti qoodamu.
Kan jalqabaa: akka dhiqannaa janaabaatti dhiqannaa guutuu nama dhiqatee, eegasii sa'aatii jalqabaa irratti gara masjiida jumu'aa kan deeme, inni akka nama gaala saddaqateeti.
Lammaffaan: nama sa'aatii lammaffaa irratti deeme, inni akka waan sa'a saddaqateeti.
Sadaffaan: nama sa'aatii sadaffaatti deeme, inni akka waan hoolaa korbeessa gaafa qabu saddaqateeti.
Afraffaan: nama sa'aatii afraffaatti deeme: inni akka waan lukkuu saddaqateeti.
Shanaffaan: nama sa'aatii shanaffaatti deeme, inni akka waan killee saddaqateeti.
Yeroo imaamni khuxbaadhaaf minbaratti ol ba'etti; malaaykonni worra masjiida ol seenan barreessuuf ulaa irra taa'aa turan barreesuu irraa dhaabbatanii, zikrii fi khuxbaa dhaggeeffachuuf dhufu.