+ -

عن أبِي هُرَيرةَ رضي الله عنه أنَّ رسول الله صلى الله عليه وسلمَ قال:
«إذا قُلْتَ لِصَاحِبِكَ: أَنْصِتْ، يومَ الجمعةِ، والْإِمامُ يَخْطُبُ، فَقَدْ لَغَوْتَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 851]
المزيــد ...

Abbaa Hureyraa irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti dogoggorte (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta”).

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 851]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naamusaalee nama gorsa jum'aa dhufe irratti dirqama ta'an keessaa tokko gorsa kennamu dhaggeeffachuu akka ta'e ibsan; gorsa kennamu akka xiinxaluuf jecha, akkasumas osoo imaamni gorsuu namni dubbatee -waan xiqqoo illee osoo ta'ee- nama birootiin akkana jedhee: “Cal’isi” “dhaggeeffadhu” sadarkaan salaata jum'aa akka isa darbuus ibsaniiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Osoo khuxbaa dhagahanii dubbachuun haraama ta'uudha, osoo badii irraa dhoorguu ykn salaamtaa deebisuu fi haxxiffataa gammachiisuun osoo ta'ellee.
  2. Dhoorgaa kana irraa kan hafu nama imaama dubbisu yokaan imaamni isa dubbisu qofa.
  3. Yeroo barbaachisaa ta’etti khuxbaa lamaan gidduutti dubbachuun ni danda’ama.
  4. Nabiyyiin, -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo imaamni gorsaa jiruu yoo maqaan isaanii dubbatame, sagalee gad qabatteeti salaata irratti buusta, akkasuma du'aa'in yeroo godhamu aamiin jechuunis sagalee gad qabachuun ta'a.
dabaltii