Galmee Hadisotaa

“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni guyyaa jumu'aa dhiqannaa janaabaa dhiqatee egasii (gara jumu'aa) deeme, akka waan gaala saddaqaa baaseti
عربي Ingiliffaa Orduu
‌Isin keessaa namni salaata Jum'aa dhufuu barbaade haa dhiqatu
عربي Ingiliffaa Orduu
Namni tolchee wuduu'a godhatee eegasii gara jumu'aatti dhufee callisee khuxbaa dhaggeeffate jumu'aa isa kanaa fi jumu'aa itti aanu gidduutti wonti inni dalage isaaf dhiifama, akkasuma dabalata guyyaa sadii woliin
عربي Ingiliffaa Orduu
Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama baallaghe hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuunis
عربي Ingiliffaa Orduu