+ -

عَنْ عَمْرِو بْنُ سُلَيْمٍ الأَنْصَارِيُّ قَالَ: أَشْهَدُ عَلَى أَبِي سَعِيدٍ قَالَ: أَشْهَدُ عَلَى رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«الغُسْلُ يَوْمَ الجُمُعَةِ وَاجِبٌ عَلَى كُلِّ مُحْتَلِمٍ، وَأَنْ يَسْتَنَّ، وَأَنْ يَمَسَّ طِيبًا إِنْ وَجَدَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 880]
المزيــد ...

Amri bin Suleem Al-ansarii irraa odeeffame, akkana jedhe: Ani Abuu Sa’iid akkana jechuu irratti ragaa nan ba’a: Ergamaa Rabbii nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jechuu irratti ragaa nan ba’a:
"Dhiqannaan guyyaa jimaataa nama dargaggeessaa hunda irratti dirqama, akkasumas ilkaan isaa rigachuu fi yoo argate shittoo dibachuun".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 880]

Ibsaa

Nabiyyii nagaa fi rahamanni irra haa jiraatuu, muslimtoota irraa namoota salaanni Jum'aa irratti dirqama taatu irraa muslima dhiiraa kan dargaggeessa ta'e hunda irratti dhiqannaan guyyaa Jum’aa akka dirqamatti kan jabeeffamu ta'uu ifa godhaniiru, Akkasumas siwak fi kan kana fakkaataniin ilkaan isaa qulqulleeffachuun, Akkasumas urgooftuu/shittoo gaarii kamiyyuu dibachuun.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhiirri Musliima ta'e hundaaf guyyaa Jum’aa dhiqachuun jaalatamaa ta’uun isaa mirkanaa’eera.
  2. Qulqullinaa fi hafuura namatti hin tolle balleessuun shari'aa keessatti nama Muslimaa tokkoof barbaachisaadha.
  3. Guyyaa jum'aaf ulfina kennuu fi ittis qophaa'uun barbaachisaa ta'uudha.
  4. Jum'aaf barbaachisummaa ilkaan rigachuu jabeessuudhaba.
  5. Salaata Jum’aatif osoo hin deemin dura urgooftuu/shittoo namatti tolu kamiyyuu dibachuun jaalatamaa ta'uudha.
  6. Dubartiin salaataf ykn waan biraatif mana ishee keessaa yeroo bahuuf jette urgooftuu/shittoo dibachuun isheef hin hayyamamu; Sababni isaas hadiisa keessatti sun dhoorgamaa waan ta'eef jecha.
  7. Muhtalima/dargaggeessa jechuun nama ballage yoo ta’u, ballaguun ammoo mallattoolee sadii tan dhiiraa fi dubartiin waliin qooddataniin argama, isaanis: inni tokkoffaa: waggaa kudha shan guutuudha, inni lammaffaa: rifeensi naannoo qaama saalaatti biqiluudha, sadaffaan: sanyiin hormaataa abjuun dhangala'uudha, ykn abjuun osoo ta'ullee baatee fedhiin dhangala'uudha. Mallattoon afraffaa ammoo dubartii qofa ilaallata, innis: Laguudha, dubartiin laguu yeroo argite geesse jechuu dha.