عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤْمِنينَ رَضي الله عنها أَنَّهَا قَالَتْ:
إِنَّ أُمَّ حَبِيبَةَ بِنْتَ جَحْشٍ الَّتِي كَانَتْ تَحْتَ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ عَوْفٍ شَكَتْ إِلَى رَسُولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم الدَّمَ، فَقَالَ لَهَا: «امْكُثِي قَدْرَ مَا كَانَتْ تَحْبِسُكِ حَيْضَتُكِ، ثُمَّ اغْتَسِلِي». فَكَانَتْ تَغْتَسِلُ عِنْدَ كُلِّ صَلَاةٍ.
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 334]
المزيــد ...
...
Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatuu, akkas jette:
Ummu Habiibah binti Jahsh, kan haadha manaa Abdurrahmaan bin Awfii turte, Ergamaa Rabbiitti, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, waa’ee dhiigaa himattee jennaan, isaanis akkana isheen jedhani: “Hanga yeroo laguun kee sitti turu san tilmaamii turi, Eegasii dhiqadhu”. salaata hundaaf kan dhiqattu taate.
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 334]
Ibsaa
Sahaaba dubaraa keessaa takka yeroo hunda osoo adda hin citin dhiigni irraa dhangala'aa akka jiru Nabiyyitti himatte, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu. Isaanis osoo balaan muddamaa kun itti hin dhufin yeroo hanga laguun ishee turu, salaata akka dhiiftu ishee ajajani, sana booda dhiqattee salaatti, sunnummaan salaata hundaaf kan dhiqattu turte.
bu.aa hadiisa irraa
-
Istihaada jechuun: dubartiin takka guyyoota laguu ishee barame booda osoo adda hin citin dhiigni ishee irraa bu'uudha.
-
Dubartiin istihaada qabdu, osoo dhiigni dhukkubaa kun itti hin dhufiniin duratti tilmaama guyyoota laguun itti dhufu san akka laguutti ilaalti.
-
Lakkoofsi guyyoota Aadaa ishee baramee yeroo darbe, isheen sana booda laguu irraa akka qulqullooftetti ilaalamti -osuma dhiigni dhukkubaa itti jiraatellee- sana booda laguu irraa dhiqattee hojii ishee itti fufti.
-
Dubartiin istihaada qabdu salaata hundaaf dhiqachuun irratti dirqamaa miti; Sababni isaas dhiqachuun ishee, Rabbiin irraa haa jaalatu, tattaaffii ishee irraa ta’e waan ta’eef jecha, osoo dirqama ta’ee Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, silaa isheef ibsu ture.
-
Dubartiin istihaadaa qabdu salaata hundaaf wuduu’a gochuu qabdi; Sababni isaas dhiigni ishee irraa bahu kun dhiiga dhaabbataa addaan hin cinne waan ta'eef jecha, fakkeenyi ishee akka nama fincaan yeroo hunda irraa bahuuti, ykn akka nama qilleensi yeroo hunda irraa bahuuti.
-
Dhimmoota amantii keessaa waan nama dhibee, rakkoo namtti tahe hayyoota gaafachuun akka jiruudha, akkuma dubartiin tun Nabiyyitti -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- himattee, dhiiga garmalee ishee dhiphisaa ture isaan gaafatetti.
Hiikaa:
Ingiliffaa
Orduu
ispeeniffaa
Indoneziyaffaa
igooriffaa
bangaaliffaa
Faransaayiffaa
turkiffaa
hiikaa raashiyaa
boosniyaffaa
hiikaa sanhaaliffaa
afaan Hindii
chaayiniffaa
faarisiffaa
vetenaamiffaa
tagaaloogiffaa
kurdiffaa
hoosaa
portuugaaliffaa
malayalaamiffaa
tilgoo
sawaahiilii
taaylaandiffaa
bishtuu
asaamiiffaa
suweydiffaa
Amaariffaa
holaandiyaa
goojaaraatiffaa
qargiiziffaa
neebaaliffaa
yoorbaffaa
Hiikaa alleytowaaniya
daryaffaa
sarbiyaffaa
HSomaaliffaa
keniyaa ruwaandiya
roomaniyaffaa
majriffaa
cheekiffaa
الموري
maalaagaashiyaffaa
kanadiffaa
الولوف
okraaniffaa
الجورجية
المقدونية
Garsisuu hiikowani
...