+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«أَلاَ أُحَدِّثُكُمْ حَدِيثًا عَنِ الدَّجَّالِ، مَا حَدَّثَ بِهِ نَبِيٌّ قَوْمَهُ؟ إِنَّهُ أَعْوَرُ، وَإِنَّهُ يَجِيءُ مَعَهُ بِمِثَالِ الجَنَّةِ وَالنَّارِ، فَالَّتِي يَقُولُ إِنَّهَا الجَنَّةُ هِيَ النَّارُ، وَإِنِّي أُنْذِرُكُمْ كَمَا أَنْذَرَ بِهِ نُوحٌ قَوْمَهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3338]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Mee waa’ee Dajjaal irraa dubbii tokko kan nabiyyiin tokkolleen ummata isaatti hin himin isinitti hin himuu? Ijji isaa jaamaadha, fakkeenya jannataa fi azaabaa of waliin qabatee dhufa, Isheen inni jannata jedhuun ibidda, Ani ammoo akkuma Nuuh ummata isaa isa akeekkachiise isa isin akeekkachiisa».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3338]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- waa’ee Dajjaal, amaloota isaa fi mallattoolee isaa kan nabiyyiin tokkolleen isaanin duratti ummata isaatif hin himin sahaabota isaanitti, sana keessaa:
Ijji isaa jaamaa dha.
Rabbiin ol tahe akka mul’ata ijaatti waan akka jannataa fi ibiddaa isa wajjin taasise.
Garuu jannanni isaa ibidda, ibiddi isaa ammoo jannata, nama isa tole jedhe akka namoonni ilaalanitti jannata isaa galcha, garuu isheen ibidda nama gubduudha, nama isa dide ammoo akka namoonni ilaalanitti ibidda isa galcha, garuu isheen jannata bareedduu dha. Sana booda Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkuma Nuuhi waa’ee isaa ummata isaa akeekkachiise fitnaa isaa nu akeekkachiisaniiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qormaatni Dajjaal guddaa ta'uudha.
  2. Qormaata dajjaal irraa nagaa bahuun kan danda'amu dhugummaa amantii fi gara Rabbii ol ta'etti deebi'uun ta'a, akkasumas Tashahhuda dhumaa keessatti isa irraa Rabbiin maganfachuu fi jalqaba suuraa Kahf irraa aayatoota kudhan qomatti qabachuu dhaani.
  3. Cimina yaaddoo Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ummata isaanitiif qabaniidha, sunis amaloota Dajjaal kan nabiyyiin isaan duraa tokkolleen hin ibsin Muslimootaaf ibsuu isaanii keessatti mul'ata.