+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه أَن النبيَّ صَلّى اللهُ عَلَيْهِ وسَلَّم قَالَ:
«الرَّجُلُ عَلَى دِينِ خَلِيلِهِ، فَلْيَنْظُر أَحَدُكُم مَنْ يُخَالِل».

[حسن] - [رواه أبو داود والترمذي وأحمد] - [سنن أبي داود: 4833]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irra haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti tahaa, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu».

[hasani] - [abuu daawud tirmizii fiiahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 4833]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ilmi namaa seenaa fi aadaa isaa keessatti hiriyaa fi saahiba isaa akka fakkaatu, hiriyummaan haala, amalaa fi sochiiwwan irratti dhiibbaa akka qabu ibsani, kanaaf filannaa hiriyaa tolchuutti ajajan; waan inni hiriyaa isaa gara iimaanaa, qajeelumaa fi toltuutti qajeelchuu fi hojii gaarii irratti hiriyaa isaatiif gargaaraa waan ta'uuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Namoota gaggaariitti hidhachuu fi isaan filachuutti ajajuu fi namoota hamootti hidhachuu irraa dhoorguudha.
  2. Fira osoo hin taane hiriyaa addatti baase; hiriyaa kan filatu wan si ta'eef jecha, obboleessii fi firri immoo filannoon kee keessa waan hin jirreef jecha.
  3. Hiriyaa qabaachuun dirqama xiinxalaan ta'uu qabaadha.
  4. Ilmi namaa mu'umntootatti hiriyoomuun amantaa isaa jabeeffatee, balleessitootatti hiriyoomuun immoo amantaa isaa dadhabsiisa.