+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ:
كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، إِذَا كَبَّرَ فِي الصَّلَاةِ، سَكَتَ هُنَيَّةً قَبْلَ أَنْ يَقْرَأَ، فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللهِ بِأَبِي أَنْتَ وَأُمِّي أَرَأَيْتَ سُكُوتَكَ بَيْنَ التَّكْبِيرِ وَالْقِرَاءَةِ، مَا تَقُولُ؟ قَالَ «أَقُولُ: اللهُمَّ بَاعِدْ بَيْنِي وَبَيْنَ خَطَايَايَ كَمَا بَاعَدْتَ بَيْنَ الْمَشْرِقِ وَالْمَغْرِبِ، اللهُمَّ نَقِّنِي مِنْ خَطَايَايَ كَمَا يُنَقَّى الثَّوْبُ الْأَبْيَضُ مِنَ الدَّنَسِ، اللهُمَّ اغْسِلْنِي مِنْ خَطَايَايَ بِالثَّلْجِ وَالْمَاءِ وَالْبَرَدِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 598]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatuf "Allaahu Akbar" jedhan osoo hin qara’in yeroo muraasaaf kan callisan waan ta’aniif, ani akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haadha fi abbaan kiyya fidaa isiniif haa ta'anii takbiiraa fi qara'uu jidduutti maal jettu? Isaanis akkas jedhan: «Akkanan jedha: Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya kamaa baa'adtta beynal mashriqi walmaghrib, Allaahumma naqqinii min khaxaayaaya kamaa yunnaqqaa assoobul abyadu minaddas, Allaahumma ighsilnii min khaxaayaaya bissalji walbarad», jechuunis: Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 598]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- salaataaf “Allaahu Akbar” yeroo jedhan, Faatihaa qara’uun duratti yeroo muraasa kan callisan ta'an, yeroo sanaan keessatti salaata isaanii du'aa'ii tokko tokkoon kan jalqaban yoo ta'u, du'aa'ii kana keessaa inni tokko jecha isaanii kana: «Yaa Rabbi akkuma Bahaa fi Dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi». Isaan Rabbii ol tahe jidduu isaani fi jidduu dilii isaanii haalaan akka gargar fageessu kadhatan, kunis adda fageenya irraa kan ka'een akkuma jidduu bahaa fi dhihaa walqunnamtiin hin jirretti, akka tasaa ta'ee dilii keessa kan bu'an yoo tahe, akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqulleeffamutti dilii san irraa isaan akka isaan qulqulleessu fi wantoota qulqulleessan kan akka Bishaanii, fixeensaa fi cabbiidhatiin akka isaan dhiqu kadhatan.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaata sagalee ol qabatanii salaatan yoo ta'ellee du'aa'ii baniinsaa yeroo hunda sagalee gad qabatanii jechuun barbaachisaa tahuudha.
  2. Sahaabonni, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu, haala Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sochii isaanii hunda keessatti beekuuf bolola qabaachuu isaaniti.
  3. Du'aa'ii baniinsa salaataa keessatti akkaataa hedduutu dhufeera, haa tahuu malee irra caalaan namichi du'aa'ii Ergamaa Rabbii irraa mirkanaa'e hordofuu yoo ta'u, akkaataa tokko yeroo tokko, kan biraa ammoo yeroo biraa fayyadamuun barbaachisaa dha.