+ -

عَنْ ‌أَبِي الزُّبَيْرِ قَالَ:
كَانَ ‌ابْنُ الزُّبَيْرِ يَقُولُ فِي دُبُرِ كُلِّ صَلَاةٍ حِينَ يُسَلِّمُ: «لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، لَا حَوْلَ وَلَا قُوَّةَ إِلَّا بِاللهِ، لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، ‌وَلَا ‌نَعْبُدُ ‌إِلَّا إِيَّاهُ، لَهُ النِّعْمَةُ وَلَهُ الْفَضْلُ وَلَهُ الثَّنَاءُ الْحَسَنُ، لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ مُخْلِصِينَ لَهُ الدِّينَ وَلَوْ كَرِهَ الْكَافِرُونَ» وَقَالَ: «كَانَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يُهَلِّلُ بِهِنَّ دُبُرَ كُلِّ صَلَاةٍ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 594]
المزيــد ...

Abuzzubayr irraa akka odeeffametti ni jedhe:
Ibnu Azzubayr salaata hunda booda akkas jedha ture: «Laa Ilaaha Illallaahu Wahdahuu laa Shariika lahuu, lahul mulku Walahul hamdu Wahuwa Alaa kulli Shay'in Qadiir, Laa Hawla Walaa Quwwata Illaa Billaah, Walaa Na'abudu Illaa Iyyuahu, Lahu Anni'imatu walahul fadlu walahussanaa'ul hasan, Laa ilaaha Illallaahu Mukhlisiina Lahuddiina wolaw Karihal kaafiruun» eegasii akkas jedhe: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- saalaata hunda booda isiidhaan zakkaru turani».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 594]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bodaa salaata dirqamaa hunda irraa salaama ba'anii zikrii jabaa kanaan zakkaru turani, hiikni isaas:
"Laa Ilaaha Illallaah" haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.
"Wahdahuu Laa Shariika Lahuu" inni gabbartii isaa keessatti, Rabbummaa isaa keessatti, maqootaa fi sifoota isaa keessatti kan isaan woliin qooddatu hin qabu.
"Lahul Mulku" jechuun: mootummaan guutuun daangaa hin qabne bal'aan, motummaan samiiwwanii, dachiiwwanii fi waan isaan gidduu jiruu kan isaa qofa jechuudha.
"Faaruunis kanuma isaati" jechuun: isaatu guutummaa guutuu ta'een himama, isa jallataa, isa guddisaa akkaataa hunda keessatti, gammachuu fi rakkina keessatti guutummaan kan faarfamu.
"Wa huwa Alaa Kulli Shay'in Qadiir" jechuun: dandeettiin isaa karaa hndaanuu guutuudha jechuudha, homaa isa hin dadhabsiisu, dubbiin kamuu kan isa irratti jabaatu hin jiru.
"Laa Hawla Walaa Quwwat Illaa Billlaah" jechuun: haala tokko irraa gara haala tokkootti jijiiramuun, Rabbiin faallessuu irraa gara Rabbiin buluutti jijjiiramuun, Rabbiin malee dandeettiin itti hin jiru jechuudha, isaatu gargaaraadha hirkannaanis isuma irratti.
"Laa Ilaaha Illallaahu, Walaa Na'abudu Illaa Iyyaahu" jechuun: hiika gabbartii gadi dhaabuu fi shirkii mormuudha, isa malee gabbartii kan haqa godhatu hin jiru jechuudha.
"Lahu nni'imatu Walahul fadlu" jechuun: isaatu qananii uuma isaatu isa harkaa qabaas, gabroottan isaa keessaa nama fedhe irratti isaan tola oola jechuudha.
"Walahu ssanaa'ul hasan" jechuun: zaata isaa, sifaata isaa, hojii isaa, qananii isaatii fi haala hunda irratti faaruun kan isaati jechuudha.
"Laa Ilaaha Illallaahu, Mukhlisiina Lahuddiina": jechuun: Rabbiin buluu keessatti argisiifannaa fi dhageessifannaan maletti isa tokkichoomsoo haala taaneen jechuudha.
"Wa law Karihal kaafiruun" jechuun: kaafiroonni jibbanullee Rabbiin tokkichoomsuu fi ibaadaa isaa irratti haala raggaaneen jechuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Booda salaata dirqamaa hundaatii zikrii kana irra jiraachuun jallatamaa ta'uu isaa.
  2. Kafiroonni jibbanullee muslimni amantaa isaa fi mallatoo amantaa isaa ni mul'isa.
  3. Hadiisa keessatti jechi "booda salaataa" jedhu yeroo dhufe, hadiisicha keessatti kan dubbatame zikrii yoo ta'e bu'uurri booda salaataatii ta'uudha, du'aa'ii yoo ta'e immoo salaata irraa salaammachuun duratti ta'a.