عن أبي هريرة رضي الله عنه: أن رسول الله صلى الله عليه وسلم قال:
«لَا تَجْعَلُوا بُيُوتَكُمْ مَقَابِرَ، إِنَّ الشَّيْطَانَ يَنْفِرُ مِنَ الْبَيْتِ الَّذِي تُقْرَأُ فِيهِ سُورَةُ الْبَقَرَةِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 780]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Manneen keessan qabroota hin taasisinaa, mana suuraan baqaraa keessatti qara'amu sheexaanni irraa dheessa».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 780]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mana ofii akka qabrii keessattii hin salaatamneetti salaata irraa ona taasisuu irraa dhoorgani.
eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sheexaanni mana suuraan baqaraa keessatti qara'amu irraa akka dheessuu himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ibaadaadhaa fi salaata sunnaa manatti heddummeessuun jaallatamaa ta'uu isaa.
  2. Salaanni bakka qabrii keessatti hin eeyyamamu; karaa shirkiitti qaqqabsiisuu fi worra qabriitti daangaa darbuutti geessa waan ta'eef jecha, salaata janaazaa irratti salaatamu yoo ta'e malee.
  3. Bakka qabrii keessatti salaata dhoorguun sahaabota biratti dhugaatti murtaa'aa beekamaa ture, kanaaf nabiyyiin -Rbbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- manni akka qabrii keessatti hin salaatamnee akka hin taasifamne dhoorgani.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)