عن أبي مسعود رضي الله عنه قال: قال النبي صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ قَرَأَ بِالْآيَتَيْنِ مِنْ آخِرِ سُورَةِ الْبَقَرَةِ فِي لَيْلَةٍ كَفَتَاهُ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5009]
المزيــد ...

Abuu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqaraa irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni geessi».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5009]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni halkan keessatti suuraa baqaraa irraa aayaa lameen dhumaa qara'e, Rabbiin hamtuu fi jibbamaa irraa akka isaaf ga'u himan, halkan dhaabbachuu irraas isaaf geessis jedhameera, zikriiwwan biroo irraas isaaf geessis jedhameera, akkanas jedhameera: isaan lameen Qur'aana qara'uu irraa irra xiqqaa waan salaata halkanii keessatti namaaf ga'u, kan biroos jedhameera, hundi waan dubbatamee sirrii kan jechichi of keessatti qabatu ta'uutu mala.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa dhuma suuraa baqaraa ibsuutu keessa jira, aayaan sun jecha Rabbii ol ta'eeti: (Aamana Arrasuulu....) irraa kaasee hanga dhuma suuraatti.
  2. Dhumni suuraa baqaraa halkan irraa yoo isii qara'e nama isii qara'e irraa badaa, hamaa fi shayxaana isa irraa deebisti.
  3. Halkan aduun dhihuun eegala, fajriin ba'uun xumurama.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)