عن عبد الله بن مسعود رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَنْ قَرَأَ حَرْفًا مِنْ كِتَابِ اللهِ فَلَهُ بِهِ حَسَنَةٌ، وَالْحَسَنَةُ بِعَشْرِ أَمْثَالِهَا، لَا أَقُولُ {الم} حَرْفٌ، وَلَكِنْ {أَلِفٌ} حَرْفٌ، وَ{لَامٌ} حَرْفٌ، وَ{مِيمٌ} حَرْفٌ».
[حسن] - [رواه الترمذي] - [سنن الترمذي: 2910]
المزيــد ...
Abdullaah ibnu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni kitaaba Rabbii irraa qubee tokko dubbise, isaan mindaa tokko qaba, mindaan tokko immoo fakkaattii isii kudhaniini, {Alif Laam Miim) jechuun qubee tokko hin jedhu, garuu {Alif} qubee tokko, {Laam} is qubee tokko, {Miim} is qubee tokko».
[hasani] - [tirmizii odeesse] - [sunana tarmizii - 2910]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslmni hundi Qur'aana Rabbii irraa qubee tokko dubbisu isaan mindaa tokko akka qabu himani, mindaan sun immoo hanga fakkaattii kudhaniitti dachaa isaaf taasifama.
Eegasii jecha isaanii: (Alif Laam Miim qubee tokko hin jedhu, garuu Alif qubee tokko, Laam qubee tokko, Miim qubee tokko) jedhuun sana ibsani: qubeen sadeen mindaa soddoma kan qabaatu ta'a.