عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«لَأَنْ أَقُولَ: سُبْحَانَ اللهِ، وَالْحَمْدُ لِلهِ، وَلَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَاللهُ أَكْبَرُ، أَحَبُّ إِلَيَّ مِمَّا طَلَعَتْ عَلَيْهِ الشَّمْسُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2695]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan:
«Ani akkana jechuutu: Subhaanallaah, walhamdulillaah, wa Laa Ilaaha Illallaah, Wallaahu Akbar, waan aduun irratti baate irra ana biratti irra jaallatamaadha».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2695]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechootawwan gurguuddoo kanneeniin Rabbbiin zakkaruun duuniyaa fi waan isii keessa jiru irra akka caalaa ta'e himani, isaanis:
"Subhaanallaah": hirdhina irraa Rabbiin qulqulleessuudha.
"Alhamdulillaah": isa jaallachuu fi isa guddisuu waliin sifa guutuun Rabbiin faarsuudha.
"Laa Ilaaha Illallaah": haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jechuudha.
''Allaahu Akbar": Rabbiin waan hunda irra guddaa fi olaanaadha jechuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Zikrii Rabbiitti kakaasuutu keessa jira, inni waan aduun irratti baate irra jaalatamaa ta'uu ibsuudha.
  2. Zikrii heddumeessuutti kakaasuutu keessa jira; mindaan guddaan waan isa keessa jiruuf jecha.
  3. Meeshaan duuniyaa xiqqoodha, fedhiiwwan isiis dhabamtuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)