عن جابر رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«أَفْضَلُ الذِّكْرِ: لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَفْضَلُ الدُّعَاءِ: الْحَمْدُ لِلهِ».

[حسن] - [رواه الترمذي والنسائي في الكبرى وابن ماجه] - [سنن الترمذي: 3383]
المزيــد ...

Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhanin dhaga'e:
"Irra caalaan zikriidhaa: "Laa ilaaha illallaah" jechuudha, irra caalaan kadhaadhaa immoo: "Alhamdulillaah" jechuudha".

[hasani] - [tirmizii, nasa'ii kubraa keessatti odeesse. ibnumaajahis odeesse] - [sunana tarmizii - 3383]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumaan irra caalaan zikrii ''Laa ilaaha illallaah'' akka ta'e himan, hiikkaan isii haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas dhugumaan irra caaalaan kadhaa "Alhamdulillaah'' jechuu akka ta'e himan; isiinis qananiisaan Rabbuma -qulqullaa'e- kan sifa guutuu bareedaa haqa godhate jedhanii amanuudha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Jecha tawhiidaatiin Zikrii Rabbii gochuu fi Alhamdulillaah dhaan kadhachuu heddummeessuutti kakaasuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (67)