عَنْ عَائِشَةَ رضي الله عنها قَالَتْ:
فَقَدْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لَيْلَةً مِنَ الْفِرَاشِ فَالْتَمَسْتُهُ فَوَقَعَتْ يَدِي عَلَى بَطْنِ قَدَمَيْهِ وَهُوَ فِي الْمَسْجِدِ وَهُمَا مَنْصُوبَتَانِ، وَهُوَ يَقُولُ: «اللهُمَّ أَعُوذُ بِرِضَاكَ مِنْ سَخَطِكَ، وَبِمُعَافَاتِكَ مِنْ عُقُوبَتِكَ، وَأَعُوذُ بِكَ مِنْكَ لَا أُحْصِي ثَنَاءً عَلَيْكَ أَنْتَ كَمَا أَثْنَيْتَ عَلَى نَفْسِكَ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 486]
المزيــد ...
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette:
Halkan tokko ani Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- firaasha irraa dhabee, isaan barbaadee osoo isaan masjiida keessa jiranii harki kiyya keessoo miila isaanii lamaan tuqxe osoo isaan lamaan dhaabbatanii, isaan akkana jedhuu turani: «Yaa Rabbi, dheekkamsa kee irraa jaalala keetti, adabbii kee irraas nagaa keetti maganfadha, ammas si irraan sitti maganfadha, akka ati of faarsitetti faaruu kee lakkaa'ee fixuu hin danda'u».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 486]
Aa'ishaan -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jette: Ani Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- cinaa rafaa ture, halkan keessa of biraa isaan dhabee, mana keessatti bakka isaan itti salaataa turanitti harka kootiin tuqe, yeroo sana miilli isaanii lamaan dhaabbatanii osoo isaan sujuuda godhaa jiranii isaan arge, akkana jedhaa turan:
(Nan maganfadha) tawassula seena (jaalala keetiin dheekkamsa kee irraa) Ana irratti ykn ummata koo irratti dallanuu kee irraa, akkasumas (nagaa keeti) fi dhiifama kee baay'eenan (adabbii kee irraa) maganfadha. (sirraan sitti maganfadha) sifoowwan bareedina keetitti sifoowwan guddina keetii irraa maganfadha, si malee wanni sirraa nama eeguu danda'u waan hin jirreef jecha, kanaaf Rabbirraa bakka itti nagaa bahanii fi bakki itti hirkatan hin jiru gara isaatti yoo ta'e malee. Hanga fedhellee yoo tattaafadhe dadhabbii kootif (faaruu siif malu lakkaa'ee hin fixu) faaruu qananii fi tola ooltummaa keetii akka siin malutti lakkaa'ee fixuu hin danda'u. (Ati akka of faarsitetti), ati faaruu siif malu of faarsitee jirta, eenyu namni haqa faaruu keetii geessuu danda'u?!