+ -

عَنْ ‌وَرَّادٍ كَاتِبِ الْمُغِيرَةِ بْنِ شُعْبَةَ قَالَ: أَمْلَى عَلَيَّ الْمُغِيرَةُ بْنُ شُعْبَةَ فِي كِتَابٍ إِلَى مُعَاوِيَةَ:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ يَقُولُ فِي دُبُرِ كُلِّ صَلَاةٍ مَكْتُوبَةٍ: «لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، لَهُ الْمُلْكُ وَلَهُ الْحَمْدُ، وَهُوَ عَلَى كُلِّ شَيْءٍ قَدِيرٌ، اللَّهُمَّ لَا مَانِعَ لِمَا أَعْطَيْتَ، وَلَا مُعْطِيَ لِمَا مَنَعْتَ، وَلَا يَنْفَعُ ذَا الْجَدِّ مِنْكَ الْجَدُّ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 844]
المزيــد ...

Warraad barreessaa Mughiirah bin Shu’ubah irraa odeeffamee, akkana jedhe: Mughiirah bin Shu’ubah xalayaa Mu'aawiyaan barreesse keessatti narratti dubbise:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhuma salaata dirqamaa hunda keessatti akkana kan jedhan ta'an: "Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru, mootummaa fi faaruun kan isaati, Inni waan hundumaa irratti danda'aa dha. Yaa Rabbi, waan ati kennite namni dhoorgu hin jiru, waan ati dhoorgite namni kennu hin jiru, sibiratti dureessa durumti isaa isa hin fayyadu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 844]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhuma salaata dirqamaa hunda keessatti akkana kan jedhan ta'an*: "Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru, mootummaa fi faaruun kan isaati, Inni waan hundumaa irratti danda'aa dha. Yaa Rabbi, waan ati kennite namni dhoorgu hin jiru, waan ati dhoorgite namni kennu hin jiru, sibiratti abbaa qabeenyaa qabeenyi isaa isa hin fayyadu".
Jechuunis: Jecha tokkichummaa Rabbii nan raggaasisa "Laa ilaaha illallaah" jechuunis: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru jedhuudha, Ibaadaa dhugaa Rabbiif qofa nan mirkaneessa, waan biraa irraa nan haala, Gabbaramaan haqaa Rabbiin malee hin jiru, mootummaan dhugaa fi guutuu ta’e kan Rabbii qofa ta’uu nan beeka. Waan hundaa inni waan danda'uuf. faaruun namoota samii fi dachii hundinuu Rabbii ol ta'e qofaaf haqa godhamaadha. Waan Rabbiin kennaa ykn dhoorgaa irraa waan Rabbiin murteesse kamiyyuu wanti deebisu hin jiru. Isa biratti abbaa qabeenyaa qabeenyi isaa isa hin fayyadu, kan isa fayyaduu danda'u hojii gaarii qofaadha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Zikrii kana erga salaata xumuuranii booda jechuun jaalatamaa ta'uudha, sababni isaas jechoota tokkichummaa fi faaruu Rabbii of keessaa waan qabuuf jecha.
  2. Sunnaa hordofuu fi babal'isuu irratti ariifachuudha.