+ -

عَنْ كَعْبِ بْنِ عُجْرَةَ رضي الله عنه عَنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مُعَقِّبَاتٌ لَا يَخِيبُ قَائِلُهُنَّ -أَوْ فَاعِلُهُنَّ- دُبُرَ كُلِّ صَلَاةٍ مَكْتُوبَةٍ، ثَلَاثٌ وَثَلَاثُونَ تَسْبِيحَةً، وَثَلَاثٌ وَثَلَاثُونَ تَحْمِيدَةً، وَأَرْبَعٌ وَثَلَاثُونَ تَكْبِيرَةً».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 596]
المزيــد ...

Ka’ab bin Ujraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaa Rabbii, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, ni jedhan:
“Salaata dirqamaa hunda booda namni isaan jedhu -yookaan isaan hojjatu- hin hoongahu, "subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, "Alhamdulih" yeroo soddomii sadii, “Allaahu Akbar” fi "yeroo soddomii afur”.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 596]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, zikriiwwan namni isaan jedhe hin kasaarre fi hin gaabbine himan, inumaayyuu mindaan jechoota kanaa akka isaaf jiruu fi gariin isaanii garii booda akka dhufu, akkasumas isaan salaata dirqamaa booda akka jedhaman eeraniiru, isaanis:
"Subhaanallaah" yeroo soddomii sadii, Rabbii ol ta'e hanqina hundumaa irraa qulqulleessuudha.
"Alhamdulillaah" yeroo soddomii sadii, innis Isa jaalachuu fi guddisuu waliin guutummina hoonga gayaa ta'een Rabbi ibsuudha.
"Allaahu Akbar" yeroo soddomii afur, kunis Rabbiin waan hundumaa caala, irra guddaa fi jabaadha jechuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa "Subhaanallaa, Alhamdulillaah" Allaahu Akbar" jechuun qabu, isaanis dalagowwan gaarii (aakiratti) nama waliin hafaniidha.