+ -

عَن أَبي مُوْسى الأَشْعريِّ رضي الله عنه قال: قال رسولُ اللهِ صلى اللهُ عليه وسلم:
«مَثَلُ الْمُؤْمِنِ الَّذِي يَقْرَأُ الْقُرْآنَ كَمَثَلِ الْأُتْرُجَّةِ، رِيحُهَا طَيِّبٌ وَطَعْمُهَا طَيِّبٌ، وَمَثَلُ الْمُؤْمِنِ الَّذِي لَا يَقْرَأُ الْقُرْآنَ كَمَثَلِ التَّمْرَةِ، لَا رِيحَ لَهَا وَطَعْمُهَا حُلْوٌ، وَمَثَلُ الْمُنَافِقِ الَّذِي يَقْرَأُ الْقُرْآنَ مَثَلُ الرَّيْحَانَةِ، رِيحُهَا طَيِّبٌ وَطَعْمُهَا مُرٌّ، وَمَثَلُ الْمُنَافِقِ الَّذِي لَا يَقْرَأُ الْقُرْآنَ كَمَثَلِ الْحَنْظَلَةِ، لَيْسَ لَهَا رِيحٌ وَطَعْمُهَا مُرٌّ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 5427]
المزيــد ...

Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
"Fakkeenyi mu’umina Qur’aana dubbisu akka turungooti, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaas namatti tola, Fakkeenyi mu’umina Qur’aana hin dubbisnee akka timiraati, urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo mi'aawaadha, Fakkeenyi munaafiqa Qur’aana dubbisu akka baala rihaanaati, urgaan isaa namatti tola, mi’aan isaa ammoo hadhaa’aa dha, Fakkeenyi munaafiqa Qur’aana hin qaraanee akka harregoogeti urgaa hin qabu, mi'aan isaa ammoo hadhaa’aadha".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 5427]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu Qur’aana dubbisuu fi irraa fayyadamoo ta’uu ilaalchisee gosoota namootaa ibsaniiru:
Ramaddiin tokkoffaa: Mu’umina Qur’aana dubbisee irraa fayyadamu, innis akka firii turongooti, mi’aa gaarii, urgaa fi halluu bareedaa qaba, faayidaan isaa baay’eedha, inni waan dubbisutti ni hojjeta, gabroota Rabbiis ni fayyada.
Lammaffaan: Mu’umina Qur’aana hin qaraane, inni akka timiraati, mi’aawaadha, garuu urgaa hin qabu, akkuma timirri keessoo isaatti mi'aa of keessaa qabutti qalbiin isaas iimaana qabateera, akkasumas akkuma timirri urgaa tokkollee kan namni fuunfatu of keessaa hin qabne innis urgaa hin qabu, sababni isaas qiraatin namoonni ishee dhaga’uun boqatan waan isa bira hin jirreef jecha.
Sadaffaan: Munaafiqa Qur'aana dubbisu, inni akka rihaanaati, urgaa gaari qabdi, garuu dhamdhamaan ishee hadhaa'aadha, sun waan inni qalbii isaa Qur'aanan bareechee itti hin hojjatiniif jecha, sanuma waliim fuldura namootatti mu'umina ta'ee mul'ata, urgaan ishee gaarin qiraatii isaatti fakkaata, dhamdhamaan ishee hadhaa'aan kufrii isaatti fakkaata.
Afraffaan: Munaafiqa Qur’aana hin dubbisne, inni akka harregoogeeti, urgaa hin qabdu, dhamdhamaan ishee ammoo hadhaa'aadha, urgaa dhabuun ishee urgaa dhabuu isaatti fakkaate, hadhaan mi'aa ishee ammoo kufrii isaatti fakkaata, keessoon isaa kan Iimaana hin qabne yoo ta'u, alaan isaa ammoo faayidaa tokkollee hin qabu, inumaayyuu inni dhugaa dubbachuuf miidhaa qaba.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa nama Qur’aana baatu kan itti hojjetu ibsuudha.
  2. Mala barsiisuu keessaa tokko hubannoo cimsuuf fakkeenya kennuudha.
  3. Muslimni tokko Qur'aana Rabbii olta’ee irraa dubbisa walitti fufiinsa qabu qabaachuu qaba