عن أبي موسى الأشعري رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«تَعَاهَدُوا هَذَا الْقُرْآنَ، فَوَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ لَهُوَ أَشَدُّ تَفَلُّتًا مِنَ الْإِبِلِ فِي عُقُلِهَا».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 791]
المزيــد ...
Abuu Muusaa Al-Ash’arii irraa odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin nagaa fi rahmata isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:
«Qur'aana kana eeggadhaa, isa lubbuun Muhammad harka isaa jirtuunan kakadha, inni gaalli hidhaa isii keessaa miliquu caalaatti nama harka miliqa».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 791]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana eeggachuu fi booda qoma isaa keessatti haffazee akka isa hin daganneef yeroo hunda isa qara'uutti ajajani, sana immoo kakaa isaaniitiin gadi jabeessani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aanni nama harkaa ba'uu fi qoma keessaa deemuu keessatti gaala haadaan walakkaa hirree isiitti hidhamte caala, ilmi namaa yoo kan isii eeggatu ta'e isii qabata yoo kan gadhiisu ta'e immoo ni deemti ni baddi.