عن عثمان رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«خَيْرُكُمْ مَنْ تَعَلَّمَ الْقُرْآنَ وَعَلَّمَهُ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 5027]
المزيــد ...

Usmaan irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha a buusu- ni jedhani:
«Irra caalaan keessan nama Qur'aana baratee barsiise».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 5027]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra caalaan muslimootaa fi Rabbiin biratti sadarkaan isaan olaanaa: qaraatiin, hifziin, tajwiidaan qara'uun, isa hubachuu fi hiikkaa isaa woliin nama Qur'aana baratee waan ofii barate immoo kan nama biraa barsiise akka ta'e himani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa Qur'aanaa ibsuutu keessa jira, inni irra caalaa haasawaati; haasawa Rabbii waan ta'eef jecha.
  2. irra caalaan worra baratuu nama nama biraa barsiisu malee nama lubbuu ofii irratti gabaabbatuu miti.
  3. Qur'aana baratanii barsiisuun qiraatii, hiikkaa fi murtoo isaa wolitti qabata.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (63)