عَنْ عَلِيٍّ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ لِي رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«قُلِ اللهُمَّ اهْدِنِي وَسَدِّدْنِي، وَاذْكُرْ بِالْهُدَى هِدَايَتَكَ الطَّرِيقَ، وَالسَّدَادِ سَدَادَ السَّهْمِ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2725]
المزيــد ...
Aliyyii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana naan jedhan:
«Jedhi: Yaa Rabbi, na qajeelchi, na sirreessi, qajeellumaan karaa imalaa qajeeluu kee yaadadhu, sirraa'uun sirraa'uu xiyyaa yaadadhu».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2725]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Aliyyi bin Abii Xaalib -Rabbiin irraa haa jaallatu- Rabbiin akka kadhatuu fi akkas akka jedhu ajajan: (Yaa Rabbi na qajeelchi) karaa sirrii irra na kaayi, naaf akeeki (Karaa haqaa irratti na gadi dhaabi) kheyrii na waffaqi, dhimma koo hunda keessatti nama istiqaamaa qabu na taasisi.
Qajeelluma jechuun: dhugaa jiru bal’inaan fi walumaa galatti beekuu dha, karaa haqaa keessaa fi gubbaan hordofuuf towfiiqa argachuudha.
Sadaada jechuun: Inni dhimma hunda keessatti jecha, gochaa fi amantii keessatti karaa qajeelaa irratti istiqaamaa fi towfiiqa argachuudha.
Dubbiin keessoo wan mul'atuun waan ifa ta’uuf, ati yeroo du'aa'ii kana jettu yaadadhu: (Qajeellumni karaa qajeeluu keeti) kanaafuu yeroo qajeelluma kadhattu qajeellumni kun akka qajeelluma nama imala deemuu ta'uu qalbii irra fidi, inni (imaltaa'aan) karaa gara mirgaa ykn gara bitaatti hin maqu; kunis akka karaa hin banneef jecha, akkasitti nageenya argatee, bakka itti deemus dafee ga'a.
(sirraa'inni akka sirraa'ina xiyyaatti) Ati xiyya tokko yeroo kaayyeffattu, dafee bakka itti xiyyeeffatte bira gaʼee kaayyoo san bakkaan gahuu akkuma yaaltu, Namni xiyya darbatu tokko yeroo xiyyeeffannaa irratti kaayyeffatu, xiyya sana bakka itti akeeke sanatti kaayyeffata, akkasuma wanni ati xiyyeeffannaa irraa niyyattu akka xiyyaa akka ta'u Rabbii ol ta'e kadhachaa jirta; kanaaf gaaffii kee keessatti qajeelluma bakka ga'ee fi hoonga sirraa'inaa barbaadaa taata.
Akka wanni ati niyyattu akka waan ati darbattuu akka ta'u yeroo Rabbiin kadhattu hiika kana qalbii kee irra fidi.