+ -

عَنْ أَبِي وَاقِدٍ اللَّيْثِيِّ رضي الله عنه:
أَنَّ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ لَمَّا خَرَجَ إِلَى حُنَيْنٍ مَرَّ بِشَجَرَةٍ لِلْمُشْرِكِينَ يُقَالُ لَهَا: ذَاتُ أَنْوَاطٍ يُعَلِّقُونَ عَلَيْهَا أَسْلِحَتَهُمْ، فَقَالُوا: يَا رَسُولَ اللهِ، اجْعَلْ لَنَا ذَاتَ أَنْوَاطٍ كَمَا لَهُمْ ذَاتُ أَنْوَاطٍ، فَقَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «سُبْحَانَ اللهِ! هَذَا كَمَا قَالَ قَوْمُ مُوسَى {اجْعَلْ لَنَا إِلَهًا كَمَا لَهُمْ آلِهَةٌ} [الأعراف: 138] وَالَّذِي نَفْسِي بِيَدِهِ لَتَرْكَبُنَّ سُنَّةَ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ».

[صحيح] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 2180]
المزيــد ...

Abuu Waaqid Al-Laysii irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu:
Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunaynitti yeroo bahan muka mushrikootaa tan meeshaa waraanaa itti fannifatan tan zaatu anwaax(bakka waa itti fannifatani) jedhamtu tokko bira darban, akkas jedhaniin (sahaabonni): Yaa ergamaa Rabbii akkuma isaan zaat anwaaxin qaban, nuufis zaat anwaax godhi, Nabiyyiinis nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu akkas jedhan: Rabbiin qulqullaaye! Kuni akkuma ummatni Muusaa isaan jedhani:(Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi} [Al-A'araaf: 138] Isa lubbuun koo harka isaa keessa jirtuun kakadhee karaa warra isin dura darbanii ni hordoftu".

[sirrii] - [tirmizii odeesse - ahmad odeesse] - [sunana tarmizii - 2180]

Ibsaa

Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, gara Hunayn bahan, innis laga gidduu Xaa'ifii fi Makkatti argamuudha, yeroo sanatti sahaabota dhiyeenyatti Islaamummaa fudhatan tokko tokkootu isaan waliin ture. Muka “zat Anwaax” jedhamu tokko bira darban, jechuunis bakka waa itti fannifatan jechuudha, mushrikoonni barakaa barbaaduuf jecha kan isii guddisan ta'an, akkasumas meeshaa isaanii fi wantoota biroo kan irratti fannifatan ta'an, Kanaaf Rasuula nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, muka akka isaa, kan meeshaa waraanaa isaanii barakaa barbaaduf jecha irratti fannifatan akka isaaniif godhan isaan gaafatan, kun akka hayyamamu itti fakkaateti gaafatan, ​ Nabiyyiinis nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, dubbii kana balaaleffachuu fi Rabbiif ulfina Isaan malu kennuuf jecha "Subhaanallaah" jedhan, dubbiin kunis waan ummanni Muusaa isaan jedhan akka fakkaatu himaniiru: {Akkuma isaan waan gabbaramu qaban nuufis waan gabbaramu godhi}, Ummanni Muusaa nama taabota gabbaru yeroo argan akkuma mushrikoonni taabota qaban taabonni akka isaanifiis ta'u gaafatan, kun garuu karaa isaanii hordofuudha. Sana booda Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, ummanni kun karaa Yahuudotaa fi Kiristaanotaa akka hordofanii waan isaan hojjetan hojjetan sana irraa akeekkachiisuf jecha himaniiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Ilmi namaa wanta Rabbii ol ta'e irraa isa fageessu tokko akka waan Rabbitti isa dhiheessutti yaaduudha danda'a.
  2. Muslimni tokko wanta amantii isaa keessatti dubbatamuu hin qabne wahii yeroo dhaga’uu fi yeroo waan tokko dinqisiifatu “Allaahu Akbar” fi “Subhaanallaah” jechuudha qaba.
  3. Muka, dhagaa fi kkf irraa barakaa barbaaduun shirkiidha, barakaan Rabbi qofa irraa barbaadama.
  4. Sababni taabota gabbaruu isa guddisuu, isa bira taa'uu aadeffachuu fi isaan barakaa barbaaduudha.
  5. Balbalaa fi daandii gara shirkitti nama geessu cufuun dirqama ta'uudha.
  6. Wanni Qur'aana fi Hadiisa irraa yahuudotaa fi kiristaanota balaaleffachuu keessatti dhufe nuuf akeekkachiisa kennuudha.
  7. Waan amantii keenya irraa ta'uu isaatti ragaan jiru malee warra bara awaamummaa, yahuudotaa fi Kiristaanotatti fakkaachuu irraa dhoorguudha.