+ -

عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما:
أَنَّ رَجُلًا أَتَى النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَكَلَّمَهُ فِي بَعْضِ الْأَمْرِ، فَقَالَ: مَا شَاءَ اللهُ وَشِئْتَ، فَقَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أَجَعَلْتَنِي لِلَّهِ عَدْلًا؟ قُلْ: مَا شَاءَ اللهُ وَحْدَهُ».

[إسناده حسن] - [رواه ابن ماجه والنسائي في الكبرى وأحمد] - [السنن الكبرى للنسائي: 10759]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu:
Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma wahii keessatti isaan dubbisee, akkas jedheen: "Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete", Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni jedhan: “Rabbi waliin qixa na gootee? waan Rabbi qofti fedhe” jedhi.

[sanadni isaa hasani] - [ahmad odeesse] - [sunana kunraa nasaa'ii - 10759]

Ibsaa

Namni tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dhufee, dhimma isaa wahii keessatti isaan dubbisee, eegasii akkas jedheen: “Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete”, Nabiyyiinis -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana balaaleffachuun fedhii uumama tokkoo fedhii Rabbii waliin qubee “waw” jedhu fayyadamuun walitti qabanii dubbachuun shirkii xixiqqaa namni muslimaa isa dubbachuun hin hayyamamne akka ta’e itti himan. Eegasii gara jecha dhugaatti isa qajeelchan: "Waan Rabbi qofti fedhe", haaluma kamiinuu ta'ee fedha nama biraa osoo fedha Isaatin walitti hin qabne fedha Isaa keessatti Rabbiin adda baasuudha qaba.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan Rabbiin fedhee fi waan ati feete jechuu fi waan isa keessa qubee "waw" fayyadamuun fedha gabrichaa fedha Rabbitti hidhuun jiru irraa jechoota isaan fakkaatan irraa dhoorguudha; sababni isaas inni waan shirkii xiqqaa ta'eef jecha.
  2. Dogongora mormuun dirqama ta'uudha.
  3. Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tokkichummaa Rabbii kan tiksanii fi daandiiwwan shirkii kan cufan ta'uu isaaniti.
  4. Badii yeroo balaaleffannu nama waamamaa jiru san fakkeenyummaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- hordofuun gara filannoo hayyamamaa ta'eetti isa qajeelchuun gaarii ta'uudha.
  5. Jecha isaanii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, hadiisa kana keessatti: “Waan Rabbi qofti fedhe” jedhu fi jecha isaanii kan hadiisa biraa keessatti dubbatame: “Waan Rabbiin fedhe, sana booda waan ati feete” jedhu walitti yoo araarsinu,
  6. “Waan Rabbiin fedhe, sana booda waan ati feete” jechuun ni hayyamama, garuu “Waan Rabbi qofti fedhe” jechuutu caala.
  7. “Waan Rabbiin fedhe, san booda waan ati feete” jechuun siif ni ta'a, garuu “Waan Rabbi qofti fedhe" jechuutu caala.