+ -

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤمنينَ رضي الله عنها قَالَتْ:
دَخَلَ عَلَيَّ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، وَقَدْ سَتَرْتُ سَهْوَةً لِي بِقِرَامٍ فِيهِ تَمَاثِيلُ، فَلَمَّا رَآهُ هَتَكَهُ وَتَلَوَّنَ وَجْهُهُ وَقَالَ: «يَا عَائِشَةُ، أَشَدُّ النَّاسِ عَذَابًا عِنْدَ اللهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ الَّذِينَ يُضَاهُونَ بِخَلْقِ اللهِ» قَالَتْ عَائِشَةُ: «فَقَطَعْنَاهُ فَجَعَلْنَا مِنْهُ وِسَادَةً أَوْ وِسَادَتَيْنِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 2107]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu’umintootaa irraa odeeffame Rabbiin ishee irraa haa jaalatu akkas jette:
Mana meeshaa kiyya girdoo fakkii of keessaa qabuun hagoogee osoon jiruu Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- natti ol seenanii, yeruma isa argan fuulli isaanii jijjiiramee isa baqassanii, akkana jedhan: "Yaa Aa'ishaa, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti warri irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessani, Aa'ishaanis akkana jette: "isa mummurree boraatii tokko ykn lama irraa tolchine".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 2107]

Ibsaa

Nabiyyiin nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu, mana isaanii Aa'ishaa irratti -Rabbiin irra haa jaalatu- ol seenanii, dhugumatti mana xiqqaa meeshaan keessa kaayamu girdoo of keessaa fakkii labbu qabeeyyii qabuun haala isheen hagoogdeen ishee arganii, aaranii bifti fuula isaanii jijjiiramee isa buqqisanii, akkas jedhan: Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin biratti namoonni irra cimaa adabbii adabaman warra uumama Rabbii wajjiin wal fakkeessanii fakkii kaasani. Aa'ishaan akkana jette: "boraatii tokko ykn lama isa irraa tolchine”.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa Faransaayiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan sana keessatti badiin irraa guddaa ta'e hin jiraatiniin badii yeroo arganitti mormuu fi booda aansuu dhabuudha.
  2. Adabbiin Guyyaa Qiyaamaa akka guddina diliitin garaagarummaa qaba.
  3. Lubbu qabeeyyii suuraa kaasuun diliiwwan gurguddoo ta'an irraayi.
  4. Sababoowwan suuraa kaasuun dhorgameef keessaa inni tokko uumama Rabbii ol ta'ee fakkeessuudha, namni suuraa kaasu sana yaadus ykn yaaduu baatus tokkuma.
  5. Qabeenya waan isa keessatti haraama ta'u irraa fageessanii eeggatanii itti fayyadamuu irratti bolola shari'aan qabduudha.
  6. Fakkii lubbu qabeeyyii bifa kamiinuu hojjechuu irraa dhorguudha, osoo xiqqeeffamtuu illee taatee.