عن أنس بن مالك رضي الله عنه:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَمُعَاذٌ رَدِيفُهُ عَلَى الرَّحْلِ قَالَ: «يَا مُعَاذُ بْنَ جَبَلٍ»، قَالَ: لَبَّيْكَ يَا رَسُولَ اللهِ وَسَعْدَيْكَ، قَالَ: «يَا مُعَاذُ»، قَالَ: لَبَّيْكَ يَا رَسُولَ اللهِ وَسَعْدَيْكَ، ثَلَاثًا، قَالَ: «مَا مِنْ أَحَدٍ يَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ صِدْقًا مِنْ قَلْبِهِ إِلَّا حَرَّمَهُ اللهُ عَلَى النَّارِ»، قَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، أَفَلَا أُخْبِرُ بِهِ النَّاسَ فَيَسْتَبْشِرُوا؟ قَالَ: «إِذًا يَتَّكِلُوا». وَأَخْبَرَ بِهَا مُعَاذٌ عِنْدَ مَوْتِهِ تَأَثُّمًا.
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 128]
المزيــد ...
Anas ibnu Maalik irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaal irratti Mu'aaz uddeelluu isaanii taa'ee akkas jedhani: «Yaa Mu'aaz ilma Jabal», siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii sis gamamchiise, isaanis ni jedhani: «yaa Mu'aaz», Mu'aazis siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii siis gammachiise jedhe, yeroo sadi, nabiyyiinis akkas jedhani: «Eenyunuu qalbii isaa irraa dhugoomsee haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa Rabbii akka ta'e ragaa ba'eera taanaan Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisu malee hin hafu» Mu'aazis yaa ergamaa Rabbii, namootatti himee haa gammadanuu? jedhe: nabiyyiinis ni jedhani: «yeroo sana (hojii dhiisanii hadiisa kana irratti) ni hirkatu». Mu'aazis akka badii isaatti hin taaneef jecha yeroo du'a isaa isa hime.
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 128]
Mu'aaz ibnu Jabal -Rabbi isa irraa haa jaallatu- booda nabiyyiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaala isaanii woliin yaabbatee ture, isaanis yaa Mu'aaz jechuun isa waamani? yeroo sadi waamicha irra deebi'ani; barbaachisummaa waan jechuuf deemanuu gadi jabeessuuf jecha.
yeroo sadanuu Mu'aaz «siif owwaadhe yaa ergamaa Rabbii si gammachiise» jedhee isaaniif deebise, akkas jechuun: yaa ergamaa Rabbii owwaannaa booda owwaannaatii siif owwaadheera, siif owwaachuudhaan immoo gammachuu barbaadeera jechuudha.
eegasii namni kamiyyuu qalbii irraa dhugoomsee sobaan maletti haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad immoo ergamaa isaa akka ta'e ragaa ba'ee, haala kana irratti yoo du'e Rabbiin ibidda irratti haraama isa taasisa.
Mu'aaz toltuun akka gammadanuuf jecha namootatti himuu jedhee nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate?
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa irratti hirkatanii, hojiin isaanii xiqqaachuu sodaatani.
Mu'aaz eenyuttuu hin odeessine du'a isaatiin dura malee; badii beekumsa dhoksuu keessa akka hin buune sodaaf jecha.